Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Yunivarsitii Haramaayaatti, Humnoonni Mootummaa Qonnaan-bultootatti Dhukaasan, Jedhu Barattoonni


Mormii Yunivarsitii Haramayaa, Oromiyaa
Mormii Yunivarsitii Haramayaa, Oromiyaa

Dura Maaster Pilaanii Finfinnee fi sababaa sanaan qonnaan-bultoonni Oromoo naannawa sanaa fi naannawa magaalaalee ka biroo jiran buqqifamuu mormuudhaan, booda immoo, barattoonni fi Oromonni kaan sababaa hiriira kanaaf hidhaman akka hiikaman, kanneen ajjeefamamiif akka mootummaan itti gaafatama fudhatuu fi walumaa-galatti humni waraanaa fi poolisiin addaa federaalaa akka Oromiyaa keessaa bahu gaafachuun Hiriirri godinaalee Oromiyaa keessatti geggeessamu har’a illee itti fufee jira. Godinaa Hararghee Lixaa, Yunivarsitii Haromaayaa keessattii, mormiin dheengadda jalqabame, kaleessaa fi Har’a illee itti fufuu isaa fi tarkaanfii humnoonni mootummaa fudhatan, barattoonni miidhamuu dubbatu – barattoonni achi irraa dubbisne.

Akka barattoonni, gandeen qotee-bulaa Yunivarsitii Haramaayaatti dhihoo jiran, kanneen Muudee fi Tuujii Gabbisaa jedhaman keessatti humnoota mootummaa fi qonnaan-bultoota gidduutti walitti-bu’insi uumamee, qonnaan-bultoonni rasaasaan haleelamanii jiran. Galma magaalaa Haromaayaa keessa jiru tokko keessatti, barattoonni dhibba tokkoo fi afurtama caalan walitti-qabamanitti akka barcuma irra taa’anitti akka bulan maddeen keessa beekan nuuf ibsanii jiran. Barattoonni 267 immoo, ka Bulchiinsa Hararii - magaalaa Harara keessa jiru, mana-hidhaa Godinaa Haraghee lixaatti guuraman, jedhu – maddeen kun.

Har’a ganama, barattoota Yunivarsitii Haromaayaa keessatti sochii barattootaa itti fufe irratti tarkaanfii humnoonni federaalaa fudhatanii barattoonni haga ja’aa ta’an madaa’uu isaanii maddeen kun nuuf ibsanii jiran. Barattoonnii fi qonnaan-bultoonni madaa’an irra hedduun, Hospitaala Haramaayaa, magaalaa Haramaayaa keessa jirutti geessamuu isaanii fi kaan Hospitaala Hiwoota Faanaa, ka damee Yunivarsitii Haramaayaa ta’ee fi magaalaa Harar keessa jiru keessatti ka yaalamaa jiran ta’uu dubbatu.

Gama biraatiin Godina wallaggaa Bahaa aanaa Kiiramuu keessa kanneen jiran barattoonni mana barnootaa sadarkaa duraa, lammaffaa fi qophaa’inaa har’a ganama sa’a 5 irraa eegalee hiriira mormii ba’anii jiran. “Barattoonni fi kanneen biroon hidhaman nuuf haa hiikaman” jechuudhaan barattoota mormii isaanii dhageessisaa turan sana humnoonni mootummaa dhufanii bittimsuu isaanii fi barattoota hidhuu isaanii, dubbatu.

Qophii guutuu dhaggeeffadhaa.
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:12 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG