Humnoonni Ferensaay “Sahaaraa Guddicha” keessatti loltuu IS beekamaa jechuun nama ibsan to’annaa jala oolchuu isaanii waraanni Ferensaay Roobii kaleessaa beeksisee jira.
Aboo Dardar maqaa jedhamuun kan beekamu Dadii Ouuld Chouaab Amajji 11 gareelee finxaaleyyeen irra deddeeb’uun haleellaan kan irratti raawwatamaa ture naannoo Niijerii, Maalii fi Burkinaafaasoo gidduutti argamu daangaa kallattii sadii jedhamee beekamutti to’atame jedha ibsi waraana biraa ba’e sun.
Meeshaa waraanaa atomaatikaa, teleskooppii halkan ittiin daawwatan, saqqii waraanaa, bilbilaa fi raadiyoo of harkaa qabaatus dura dhaabbannaa malee harka kenne.
Kan argamuu danda’es, ennaa duula Ferensaay kan Barkaanee jedhamuu.fi humnootii Nijeri gidduutti barbaacha helikoopteraan geggeessameen ture. Waraanni Nijer roobii waaree irratti ibsa kenneen, Waxabajjii 8 kan labsame duulli gamtaan geggeesisamu kibxata darbe shororkeessota waliin wal waraanuu dhaan lammiin Naayijeriyaa tokko yoo du’u, shorokeessonni 12 dhabamsiisamaniiru.
Dardar al-Qaidaa waliin kan wal qabate sochii tokkummaa Jihaadaa kan Afriikaa dhiyaaf miseensa kan ture yoo ta’u hedduun isaanii garee Jihaadaa EIGS jedhutti makaman. Jalqaba bara 2014 to’annaa jala oolfamuun angawoota Maalitti dabarsamee kenname.
Haa ta’u malee bara 2020 keessa hojjettuu gargaarsaa Ferensaay Sophie Petrooniin dabalatee wal jijjiirraa iggitamtootaa afurii geggeessameen namoota 200 waliin gad dhiisame.