Xurree ittiin seenan

Breaking News

Fiinlaand fi Siwiidiin Miseensummaa NATO-f Iyyata Galfatan 


Amaasaaddaroonni Finlaandi fi Swiidiin miseensummaa NATO-f yeroo iyyata galfatanitti, barreessaa duree dhaabatichaa Jeens Stoolanbarg wajjin, Beeljiyam, Caamsaa 18, 2022
Amaasaaddaroonni Finlaandi fi Swiidiin miseensummaa NATO-f yeroo iyyata galfatanitti, barreessaa duree dhaabatichaa Jeens Stoolanbarg wajjin, Beeljiyam, Caamsaa 18, 2022

Swidiinii fi Fiinlaand Neetootti dabalamuuf gaaffii dhyeessan barreessaa dureen dhaabatichaa Jeens Stoolanbarg simatanii kun seena qabeessa jedhan.

Biyyonni lameen gamtaa waraanaa addunyaa irratti guddicha ta’eetti dabalamuuf gaaffii dhiyeessuu isaanii stoolanbarg mirkaneessanii jiru.Kunis Raashaan Yukreen irratti duula waraanaa banuu isheen kan ka’e yaaddoo nageenyaa uumamee irraa tarkaanfii fudhatame jedhan.

Isin michoota nutti dhiyaattan akkuma taatan Neetoo keessatti miseensa ta’uun keessan nageenya ilaalchisee waan qoddannu dabala jedhan. Neetootti dabalamuuf tarkaanfiin itti aanuu maal akka ta’u waltaatoonni ilaaluuf jiru jedhan stoolanbarg.

Prezidaantiin Tarkii Reseep Erdogan biyyonni lameen Neetootti dabalamuu kan ilaaleen of qusannaan ilaalaa kan jiran yoo ta’u deemsii iyyata dhiyaatee ilaaluu torban lama fudhata jedhamee eegama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG