Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoo Gaanaa Keessatti Geggeessameen Prezidaantiin Duraanii Joon Mahaamaa Injifatan


Filannoo Ghaanaa pirezdaantiin duraani mohan
Filannoo Ghaanaa pirezdaantiin duraani mohan

Pirezidaantiin Gaanaa duraanii Joon Diraahaami Mahaamaa Sambata kaleessaa filannoo ta’een injiifannoo seena qabeessa galmeessuun gara aangooisaaniti deebi’anii jiran. Kunis, filattootni mootummaan rakkoo dinagdee inni qabateef akka isaan adaban haala fakkaatuun, erga paartiin biyya bulchaa jiru mo’amuu isaa erga fudhatee booda.

Itti aanaan pirezidaantii Mahamudu Bawumia, kaadhimamaa pirezidaantii paartii biyya bulchaa jiruu Niiw Patriyootik Paartii jedhamuuf, lammiileen Gaanaa jijjiirama akka barbaadan amananiiru, erga isaan mufannaa bal’aa baasii jireenyaa olka’aa irratti mudatee dhabamsisuu dadhabanii booda injifatamuu isaanii fudhatan.

“Akka dimokiraatota kutannoo qabanitti, hojiin mootummaa haala wal irraa hin cinne akka itti fufuuf ce’umsa baay’ee sirrii ta’e akka qabaannu waadaa seennaa. Paartiin keenya mootummaa haaraa kanaaf deeggarsa barbaachisu karaa baayyee itti gaafatamummaa qabuun ni kenna ture."jedhan.

Kufaatiin isaa waggoota saddeet aangoo paartii bara pirezidaantii Naanaa Akufo-Addo jalatti xumurame, bara hojii isaanii isa waggoota darban keessatti jeequmsa dinagdee hamaa ta’een kan mul’ate yoo ta’u, liqaa dhabuu sdabalatee jira. Sagalee guddaa dhageessisaa fi alaabaa Griin Paartii kan adii fi diimaa qabuu mirmirsaa, deeggartoonni Mahaamaa waajjira duula filannoo dhaabich kan magaalaa guddoo Ganaa Akraa keessatti argamuun alatti daandii irratti ba’aniiru.

"Gaanaan magariisa Gaanaanis injifattee jirti. Gammannee jirra. Kabajamaa kan ta’an kan umriin 66Joon Diraamaanii Maahamaaf baay'ee gammadneerra. Eeyyee dhufuu hin danda'u jedhu turan garuu dhufeera jedhu. Inni biyya ijaaruu deebi'eera. Gaanaa keenya nuuf ijaaruuf jira." Manneen barnootaa barbaanna, hospitaala barbaanna, hojiis nu barbaachisa. Diinagdeen sa'aatii 24 hojjetu as jira, turuufis jira jedhu."

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG