Jarmanii keessatti Filannoo biyyoolessaa Dilbata gaggeeffameen paartiin cichitootaa ykn konsarvaatiiv injifatee jira .Garuu, sagalee faffaca’een garee mirga leellisuu Alternative for Germany jedhamu ba’ii sagalee gaarii ta’en sadarkaa lammaffaa qabatee jira.
Teeleeviziyoonni Jarmanii ZDF jedhamu akka tilmaametti gamtaan paartilee lamaa kan Gamtaa Dimookiraatawaa Kiristaanotaa fi Gamtaan Hawaasummaa Kiristaanotaa sagalee %28.5 kan argatan yoo ta’u, paartii AfD jedhamu %20.5 akka argatan tilmaamee ture.
Freedriik Meerz hogganaan paartii Kiriistaan Deemookraatiik irraa akka jedhanti, “Amma garuu waliin haasa’uuf jirra, wanti guddaan ammoo mootummaa Jarman keessatti saffisaan socho’uu danda’u, sagalee caalmaa paarlaamaa gaarii qabu uumuudha. Jedhan.
AfDn filannoo darbe irraa deeggarsa isaa dachaa lama guddiseera, kunis haleellaa lubbuu namaa galaafatu koolu galtoota irratti himatame erga raawwatamee booda sodaa immigireeshinii fi nageenya irratti uumameen kan dabaledha.
Deebiin kun erga Waraana Addunyaa Lammaffaa booda dhaaba Jarmanii leellisaa mirgaa ta'eef agarsiisa cimaa ta'eera.
Paartileen hundi AfD aangoo irraa baasuu fi tumsa dhabsisuu duuba akka turu dhaadataniiru.
Garuu hoggantuun paartii oltarneetiiv for Jarmanii jedhamuu Alice Weidel gammachuu guddaa qabdu bu'ii sagalee''seena'' qabeessa jedhan kana jajachuun paartiin isaanii gamtaa lamaan waliin bulchuuf qophii ta'uu dubbataniiru.
Forum