Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoo Prezidaantummaa Amerikaaf Dinagdeen Dhimma Ijoo Ta'e


Filannoon Prezidaantummaa Amerikaa kan waggaa dhuftuu utuu hin ga'in dura yaadi uummataa walitti qabame deebisanii filatamuu prezidaant Obamaa fi oduu gammachiisaa fi hanga tokkos gaarii hin qabatee ba'e.

Lammiiwwan Amerikaa waa'een hegeree isaanii isaan yaachisaa jira. Walakkaa dhaa ol kanneen ta'an biyyattiin keessumaa gama dinagdeen daandii sirrii hin taane qabattee jirti jedhu. Lammiiwwan biyyattii gam tokko haala dinagdeen yeroo ammaa itti jiruuf prezidaanti Obama komatu. Dinagdeen Ameerikaa sadarkaa yaaddessaa irra ga'uun dogoggora bulchiinsa duraanii kan preizidaant Georg W Bush kanneen jedhan illee ni jiran.

Qorannaaleen waaltaalee uummataa adda addaa irraa walitti qabaman hagi tokko prezidaant Obaman dorgommii prezidantummaa kan waggaa dhuftuu injifachuuf qaanqeen abdii jiraachuu yoo mul'isan, kaan immoo hagas abdachiisaa ta'uu dhiisuu mala jedhu.

Garee Paartii Ripaablikaanotaa irraa dorgomtoonni prezidaantichaa sochii eegalanii jiru. Yaada uummata hanga yoonaa walitti qabame irraa hubachuun akka danda'ametti, bulchaa Masaachuseets duraanii Mits Romniin qabxii walitti dhiyeenya qabuun dorgomaa jiraachuu irraan kan hafe kanneen biroon hagas prezidanticha waan yaaddessan miti. Gabaasa guutuu MP3 tuquu dhaan dhaggeeffadha

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG