Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoo U.S. guyyaa 6ti hafe warrii dorgomu filannootti nama baraarrachuutti jira Afrikaan Kibbaa guyyaa kana garaa lamaan eegatti


Filannoo pirezidaantummaa Amerikaa guyyaa 6tti hafe Afrikaan Kibbaa guyyaa kana garaa lamaan eeguutti jirti
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:44 0:00

Amerikaan pirezidaantii filachuuf kurfoo jirti. Kutaaleen Amerikaan akkuma seera mataa ufiitti abaan dandahau dursee akka filatu tolchanii ammaayyuu nama miliyoon kurnya hedduutti filate.

Afrikaatti filannoo tana kaan gammachuun kaan naasuun ufi irratti eeguutti jira. VOAn ganna afuriin duratti nama Afrikaa kibbaa dhibba hedduu waan siyaasaa Amerikaa gaafattee gaafas namuma diqqatti Pirezidaanti Tiraami deeggara.

Bara sunitti namii hedduun waan innii Afrikaan jedheef isa quufa dhabe. Katyaalaa Maine,Maayin nama daldalaan bulu, Tiraampiin manna nama isaan morkatu, Joe Biden deeggara.

“Innii [Tiraampi] ammallee Amerikuma jabeessuu fedha taatullee Amerikaan addunyaa dhibii malee kophaa hin jabaattu.Tanaaf Afrikaa irraa investimentii ykn gargaasa diqqeessuu. Kun herrega isaati,” jedha.

Namii hagii tokko waan duriitiif jedhee oduuyyuuu caqasuu jibba.Itumelenge Mofokeng nama hujii humnaatiin bulu. “Ani ammallee Baraak obaamaa fedha. Tiraami jettaa? Iyyoo iyyoo innii naa hin tahu,” jette.

Brooks Spector, nama durii diplomaatiii amma gaazexeessaa. Bara 1970 jalqabee Afrikuma kibbaa keessa jiraata akka herrega isaatti Afrikaan woma jabduuf siyaasaa Amerikaa tana jala ahin hamne.

“Waan akka daawwitii hawaasa ufii asi keesatti laalan.Ufi laaltee garaa hammeennaa fi madaa ufi irratti argita taatullee akka waan dhibiitti himta.”

Himaammatii guddaan Brooks akka waan jabduutit laaluu karoora carraa guddinna Afrikaa ka ganna 5n duubatti dhumatu.Carraa kanaan Afrikaan Kibbaa silaa gannatti mi’a doolara biliyoona 8 fi miliyoona 500 qaraxa malee silaa bara 2018 keessa Amerikaatit ergatti.

Taatullee namii Afrikaa kibbaa Amerikaa biyya guddinnaan adunyaa dura jirtu tana akka dhibiitit laalti.Ezra QuaEno nama suuraa kaasaa jiraattu.

“Himaammatii Donaldti Tiraampii Afrikaaf qabu? Dhugumaan ani hin beeku. Dhuguma sitti himoo shoorii isiiti wannii feee Amreikaa keesatti tahuu ha jiraattuutiiAmerikaa keesatti haa taatuutii haajaa kiyyaa miti.”

Dorgommii filannoo Amerikaa keessatti waan Afrikaa guddoo maqaa hin dhoomne taatullee wanni Tiraampi Tiwiteriin ardii tanaa jedhee fkn ijjeechaa qonnaan bultoota adii Afrikaa kibbaa fi waan dhiyoo ammo hujii Hidhaa Abbaayaa irratti innii jedhe bulchoota Afrikaa hedduu dallansiifte.

Baaydenilleen dorgommii tana irratti waan Afrikaa guddoo hin dubbanne himaammatuma bara Obaamaa irra deebihee dubbat ufillee karuma sun irra jira fakkaata.

Filannoo Amerikaa tana eennutti moohateef achiin duubatti maanti maan tahaan Afrikaa Kibbaallee tahee addunyaanUU gurra qeessitee eeguutti jirti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG