Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoo Waliin Yakka Wal Qabate Kanneen Dalagan Namoonni 194 To’atamuu Komishinerri Poolisii Naannoo Kibbaa Beeksisan


Faayilii - Filannoo Itoophiyaa, Waxabajjii 21, 2021
Faayilii - Filannoo Itoophiyaa, Waxabajjii 21, 2021

Filannoo waliin wal qabatee namoota yakka hojjetan jedhaman to’annaa jala ooluu isaanii komishinerri komiishina poolisii naannoo uummattoota kibbaa Nebiyyuu Isaayyaas ibsaniiru.

Poolisiin naannoo keenyaa jedhan koiishiner Nebiyyuun humnootii nagaa eegsisan ka biro waliin ta’uu dhaan adda durummaa dhaan nagaa eegsisuu, yakka ittisuu fi nageenya naannoo eeguu dha jedhan.

Ka biroon immoo ennaa yakki dalagamu hatattamaan hordofuun qaama seeraatti dhiyeessuu waan ta’eef, filannoo duras ta’e guyyaa filannoo filannoon booda, filannoo waliin yakka wal qabate kan qulqulleessu sadarkaa naannoo fi godinaatti hundeessineerra jedhan. Gareen qorannaa kunis filannoo duraa qabee hanga ammaatti hojii hojjeteen filannoo waliin yakka wal qabte kanneen dalagan namoota 194 to’annaa jala oolchineera jedhan.

Yakkawwan kunis poosteroota tarsaasuu, jeeqama uumuu, kanneen biroo irra dhiibbaa kaa’uu yaaluu, guyyuma filannoo sana Waxabajjii 14 yakkawwan hojjetaman hordofnee qorannaa geggeessinee jirra jechuu dhaan, kanneen biroottii adda kan ta’e yakki jiru kaardii filannoo kijibaa kanneen qopheessuu yaalan godina Guraagee aanaa Maarekoo bakka Koosh jedhamutti namoonni shan to’annaa jala oolanii qorannaan geggeessamaa jira jedhan.

Kanneen erga duulli filannoo darbee kanneen dadammaqiinsa filannoo utuu geggeessamanii argaman illee to’annaa jala oolaniiru jedhan. Namoonni kunis irra hedduun isaanii murtii argataniiru jedhan jechuun Yonatan Zebdwos gabaaseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG