Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoof guyyuma 4ti hafe Pirz.,Tirampii fi Joe Biden Michigen, Minnisota, Wiskansefii Iowaatti ummata filannoof kullifachaa oolan


FILE - This combination of Sept. 29, 2020, file photos show President Donald Trump, left, and former Vice President Joe Biden during the first presidential debate at Case Western University and Cleveland Clinic, in Cleveland, Ohio.

Pirezidaanti Tiraampi marroo lammeessoof dorgoma itti aanaan pirezidaantii Amerikaa ka durii Joe Biden Tiraampiin wal dorgomuutti jira.

Jarii kun Amerikaa kutaa Jiddu-Gala Dhihaa,Midwestern States dhaanii duula filannootti jiranii Minisootaa fi Wiskansenitti walti dhufan.

President Donald Trump Michigan, Minnesota fi Wiskaniitti qajeele Baayden Minnesota, Wiskansenii fi Iowatti dabre.

Michigen bakka buutota ummata bakka bu’anii dorgommii pirezidaantummaa filatan,Electoral College 16 qabdi. Minnesota fi Wiskansen ammo kudhan kudhan qaban, Iown ammo jaha qabdi.

Amerikaatti ummata qofaa mitii pireizaantii bakka buutotii ummataalleen nama filatan godinii cuftii bakka buutota ummataa haga seeraan kennaniifitit jira.

Namii bakka buutota ummataatiin moo’e filannoo moohuuf abdii qaba.Walumaa galatti electoral college 538ti jira. Namii electoral college ykn bakka buutota ummataa 270n filame pirezidaantummaa moo’a.

Kaalifoornyaan bakka buutota ummataa ykn electoral college (55), Texas (38),New York (29)Illinois (20),Pnnsylvania (20)

Tiraampii fi Baayden kalee Amerikaa Kibba Bahaa, Filooridaa oolan.Ganna afuritti duratti achitti Tiraampitti moo’e.

“Filooridaan gama keenna deebinaan dhumate dubbiin,”jedhe Baayden achii gahee warra lafaatiin wal dubbatee.

Tiraampi Koroonaalleen jedhee hin dhamnee nama walti qabetti dorogmuutit jiraa innii nama vaayireessii biyya keessa facaasuutti jiru beekamaa jedhe,”Baayden Tiraampiin.

Kutaa Tempaa gahee jennaan bokkaafuu gadi bahuu dadhabee ufi irraa lakkise.

Tiraampi ammo nama hedduu fulaa istaadiyoomii Tempaatti makiinaa dhaabatanitti walti qabatetti dorogme.Sadaasaa sadii irratti bubbeen diimtuu jabduu argaa jedhe.

Diimennii sun bifa mallattoo paartii Rippaabilikaan,ta demokiraati ammo bulee ykn cuquliisa.Filannoo tana harka guddaan moohanna quboo naan jedhe Tiraampi

Yaadawwan Ilaali (4)

XS
SM
MD
LG