Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoon Itiyoophiyaa Yeroo Biraaf Darbee Jira


Itiyoophiyaan filannoon guutuu biyyaa ammas akka yeroo biraatti darbu ta’u beeksiisftee jirti.Kunis paartileen mormituu hangii tokko filannoo keessatti akka hin hirmaannee eega beeksisanii fi Tigraay keessatti walitti bu’iinsa jiruun kan ka’e achitti sagaleen akka hin kennamne eega beekamee booda.

Murtiin kunis mummichi ministeeraa Abiyyi Ahmad aangoo waalteessuuf yaalii godhan darn wal xaxaa taasisee.Hoggantuun bordii filannoo Itiyoophiyaa aaddee Burtukaan Miidhagsaa walgahii bakka bu’oota paartilee siyaasaa waliin gaggeessan irratti akka jedhanti filannoon marsaa 6ffaa Waxabajjii 5 gaggeeffamuuf karoorfamee ture torban 2 ykn 3f achii butamee jira.

Kunis kaardii ittiin sagalee kennan maxxansanii fixuuf akkasumas hojii kanneen biroof ta’u ibsan.Itiyoophiyaan bara darbee sababaa weera vaayrasii Koroonaan kan ka’e filannoo kana yeroo biraatti dabarsuun ishee ni yaadatama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG