Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoon pirezidaantummaa Juubaalandi Afrikaa Bahaa yaaddessuutti jirti


Jubaland
Jubaland

Juublaandi,lafa Soaamlee gama Kibbaatiin irraa cittee ufumaan ufi bulchuuf labsatte.Laftii tun amma pirezidaantii filachuutti jirti:nama afuritti irratti wal dorgomuutti jira.

Pirezidaantiin ammaa Ahmed Islam(Madobe), Anab Dahir, Mohamed Gedi, fi Mohamud Omar.

Filannoon tun seera dhabaa deemuutti jirti koomishineerii filannoo biyyaatuu akka pirezidaant Madoobeen dabsatu karaa midhaasuufiitti jiraan himatan.

Koomishinii filannoo Juubaalaandi,Hamza Barre ammoo filannoon akkuma dansaa deemuutit jriti dhibii hin jiru jedha.

"Filannoon akka dansaa deemuutti jirti amma isumaa fixuutti jirraayyuu.Fagoo dhufee asi geenne.Warrii wal dorgomu cuftii parlaamaalleen wal haasahuu akka filatanillee kadhachuutti jira.Iftaan pirezidaantii qabaanna.”

Warrii Madoobeen morkatu koomishniinii filannoo mataa ufii qabaatee pirezidaantii ufii filachuuf itti jira.

Biiroon siyaasaa Tokkummaa Mootummaa Soomaalee jiru akka koomishiinii kun rakkoo filannoon tun keessa jirtu diidessee dubbatu gaafatte.Keenyaan ammoo yaada kana hin fudhanne.

Keenyaan Juubaalaandi keessaa waraana nagaa lafaaatiin eedduuf guddaa qabdi.

George Musumali, Afrikaatti daarketrii tohannoo balaa Afrikaa ammoo al-shabaab filannoo biyya tana yakkuuf yaada namaa gargar baasuu feeti jedhee herrega.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG