WAASHINGITAN, DIISII —
Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetes, Ned Priisi, filannoon Itiyoophiyaan torban kana taasifte akka rakkoo wal-dhabiinsa biyyaattii keessa jiruu hiikuu hin dandeenye himan.
Ned Priisi gaafii VOA irra dhiyaateef deebii kennan irratti, Adeemsa siyaasaa baldhina qabuu,isaa marii, walgaltee, akasumas wal hubannoo qabu irratii hirmaachuun caalaa barbaachisaadha jedhaniiru.
Itti dabaluudhaanis, Dimokiraasii jabeessanii, wal dhabiinsa sabaa fi sab -lamiiwaan adda adda keesa jiru hiikuudhaaf Mariin siyaasaa hunda hirmaachisaa ta’ee taasifamuu akka qabu himaniiru.