Gollo naga eegumsaa kan Tokkummaa wiixata har’ haala Siiriyaa irratti cufataan marii gaggeessuuf jira.Kunis finciltoonni tarkaanfii saffisaa fudhachuun pirezidaantii biyyatti Bashar al-Asaad mo'amee eega aangoo gad-dhiisee booda . Wal Waraansa siviloota Siiriyaa kan gara waggoota 14f ture keessatti Asaadiif gargaarsa waraanaa kan kennite Raashiyaan golli naga eegumsaa haala jiru irratti akkasumas ergama nagaa eegsisuu Tokkummaan Mootummootaa gaarreen Goolaan irratti dhiibbaa geessisuu irratti akka mari’atu gaafatteetti.
Loltoonni Israa’el Dilbata kaleessaa gara naannoo Tokkummaan Mootummootaa hordofamu kan gaarreen Golaan keessatti bobbaafamanii jiru. Mummichi Ministeeraa Israa’el Beeniyamin Netaaniyaahuun tarkaanfiin kun erga humnoonni Siiriyaa maadhee isaanii dhiisanii ba’anii booda Israa’el lammileeishee eeguuf barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.Ministirri Dhimma Alaa Israa’el Gideon Saar Wiixata har’a akka jedhanitti tarkaanfiin kun “muraasaa fi yeroodhaaf” kan fudhatamedha.
Gaaffiiwwan hedduun kan akka eenyutu Siiriyaa akka hoogganu fi biyyattiin waggoota kurna shanii oliif bulchiinsa maatii Asaad jala turte akkamitti bayyanachuu yaalti inni jedhu haga har’atti deebii hin argatiin jira.
Dubbi himaan masaraa Kremlin Dimitrii Peeskov Wiixata har’a gaazexeessitootaaf akka himanitti, prezidaant Vilaadimiir Puutiin Asaadiif koolugaltummaa akka kennan murteessanii jiru Peskov akka jedhanti, Puutiin Asaad waliin wal arguuf karoorri akka hin jirree ibsuun, bakka Asaad jiran ilaalchisee yaada kennuu didan.
Forum