Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mastar Pilaaniin Finfinnee Guutummaatti Dhaabate Jedhe DH.D.U.On


Loogoo DH.D.U.O
Loogoo DH.D.U.O

Koreen giddu-galeessaa Dhaabbata Dimokiraasummaa Uummata Oromoo Master Pilaaniin Finfinnee 'guutummaatti akka dhaabatu' murteesse.

Oromiyaan Finfinnee irraa dantaa addaa argatti ka jedhu illee yeroo xiqqoo keessatti deebii argata jedheera.Mormiin Master Pilaanii kana ilaalchisee geggeessamu ammas manneen barnootaa sadarkaa ol aanaa haga tokko keessatti itti fufee kan jiru ennaa ta’u loltoonni mootummaa yoo xiqqaate namoota 140 ta’an ajjeesuu isaa gareen mirga namaaf falmu Human Rights Watch torban darbe gabaasee ture.

Ibsa DH.D.U.O kana ilaalchisuun deebii kan kennan hoogganaan kongireessii Federaalawaa Oromoo garuu murtiiwwan sun gaaffii uummataa kan deebisan miti jedhu.

Koroporeeshiinii Biroodkaastii Itiyoopiyaa(EBC) irratti akka gabaafametti misooma waliif kan yaadame Maastar Pilaanii Finfinnee fi magaalaalee naannoo Oromiyaa guutummaatti akka dhaabatu koreen giddu galeessa kun beeksisee jira.

Gabaasni kun akka jedhutti koreen kun goyyoota sadiif magaalaa Adaamaa keessatti walgahii hatattamaa geggeesseen murtii kana dabarse.

Gabaasa oduu dhiyaate kana irratti koreen kun dhimmootii ka biroo lama irratti murtii dabarsee jira.

Kunis bulchiinsi naannoo Oromiyaa Finfinnee irraa bu’aa addaa argachuu qabu kan ilaaleen heera biyyattii irra akka kaa’ametti yeroo gabaabaa keessatti deebiin akka itti kennamu beeksisuu fi misooma magaalaalee bulchiinsa naannoo Oromiyaa saffisuuf Caffee Oromiyaan kan raggaasisfame labsii misooma magaalaalee keessatti her-keeyyata kaa’aman tokko tokko irratti gaaffii uummanni kaase kan iftoominaas deebii itti laachuuf, mootummaan naannoo labsii jiru Caffee dhaan akka ilaalamu murteesse.

DH.D.U.On murtii dabarse kana ka ilaaleen dura taa’aa Kongiresa Federaalistii Oromoo Dr. Mararaa Guddinaa yaada kennaniin murtiin kun nama kofalchiisa jedhan.

"Karoorri misoomaa lafa kaa’ame haqame hin jedhu. Dhaabateera jedha.Bu’aa Oromiyaan Finfinnee irraa argattu kan ilaaleen waggootii 22f turee har’a yeroo dubbiin morma hudhu kana jedhu,jedhu Dr.Mararaan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:59 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG