Xurree ittiin seenan

Breaking News

Finfinnee fi Naannoo Ishee Jeequuf Harka Lafa Jalaan Socho'aa Turan, Kan Ittiin Jedhe Namoota 16 To'annaa Jala Oolchuu Mootummaan Ibse


FAAYILII - Magaala FInfinnee, Adolessa 17, 2020.
FAAYILII - Magaala FInfinnee, Adolessa 17, 2020.

Gurmuun nagaa fi nageenya Itiyoopiyaa Kibxata kaleessaa jechuun Bitootessa 10 bara 2016 galgala ibsa baaseen shakkamtoonni 50 inni to’annaa jala oolcheera jedhe, giddu gala isaa Finfinnee fi naannoo Amaaraa godina Shawaa kaabaa Minjaar Shankoraa keessa gochuun kan socho’u miseensa garee harka lafa jalaan socho’uu ti jedhee jira.

Gareen kun waldaa amantaa Orotodoksii hanga tokko gargaaramuu dhaan bakka itti wal ga’anii fi itti ijaaraman godhachuun icitii dhaan socho’aa kan ture ta’uu isaa mirkaneeffadheera jechuun itti dabaluun beeksiseera.

Garee icitii dhaan gurmaa’e kanaa ti kanneen jedhaman shakkamtoonni 50ni Finfinnee fi naannolee daangessan keessatti jeeqama hidhannoon deggeramee raawwachuuf socho’aa turan kan jedhe gamtaan kun, suraa shakkamtoota to’annaa jala oolan jedhees ifa taasiseera.

Meeshaalee waraanaa adda addaa akkasumas nyaata kuufame kan garee kanaaf oolu, maallaqa biyyootii adda addaa, dabrata herrega baankii fi galmeelee adda addaa to’annaa jala oolchuu isaa gurmuun nagaa fi nageenyaa beeksiseera.

Gareen kun kan gurmuun nagaa fi nageenyaa “farra-nagaa” ittiin jechuun ibsee fi humna naannoo Amaaraa keessa socho’u waliin icitii dhaan hariiroo uumuu dhaan ergama isaa fudhatee akka hojjetu ibsa isaa keessatti tuqeera.

Dhimma kana irratti ragaa dabalataa akka kennaniif kan gaafataman ministeerri tajaajila kominikeeshinii mootummaa Dr. Leggesee Tulluu, poolisii federaalaa akka gaafannu nuuf himaniiru jedha gabaasi Kenedi Abagte.

Dubbi himaan komiishina poolisii obbo Jeeyilaan Abdii immoo ibsa gurumuu nagaa fi nageenyaan ba’e irratti komishinichi addatti ragaa kennuu hin danda’u jedhan.

Komiishiniin mirgoota namoomaa Itiyoophiyaa gama isaan dhimma isaa hordofaa jiraachu ibseera. Komiishinichatti daayirikterri hordoffii mirgoota namoomaa fi kutaa qorannaa naannoo Selaamaawiti Girmaay VOAf akka himanitti hanga ammaatti iyyati maatii biraa isaan dhaqqabe hin jiru jedhan.

Gurmuun nagaa fi nageenyaa ibsa kaleessa baaseen, shakkamtoota to’annaa jala oolan 50 waliin kanneen hojjetaniif adda durummaa dhaan shira qopheessan ittiin jedhe maqaa qaamotii biyya alaa fi biyya keessa jiranii tuqee jira. Kanneen keessaa tokko waggaa tokko darbeef mana hidhaa keessa kan jiran Dr. Wendwesen Asaffaa fi gargaaraa profeeseraa Sisaay Awgicheew fi Yordaanos Aemee keessatti argamu jedha gabaasi Kenedii Abaate.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:19 0:00
More
XS
SM
MD
LG