Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhohinsa Boombii Magaalaa Finootesalaam Bakka Gabaatti Dhaqqabeen Yoo Xiqqaate Namoonni 34 Miidhaman Jedhame


FAAYILII - Magaala Baahir Daar, Naannoo Amaaraa, Waxabajji 19,2021.
FAAYILII - Magaala Baahir Daar, Naannoo Amaaraa, Waxabajji 19,2021.

Dhohinsa boombii gabaa keessatti raawwateen namoonni 34 madaa’aniiru jedhe bulchiinsi mootummaa Naannoo Amhaaraa. Magaalaa Finooteselaam keessatti Sanbata dabarsine kana gabaa keessatti dhohinsa boombii raawwateen Namoota 34 irra balaan cimaa fi salphaa qaaqqabuu isaa mootumaan bulchiinsa naannoo Amaaraa beeksiise.

Bulchiinsi mootummaa naannoo Amhaaraa dilbata kaleessaa ibsa baasee keessatti Godina Goojjaam lixaa magaalaa Finoota Selaam keessatti guyyaa Sanbataa jechuunis gaafa Bitootessa 28, bara 2016 namoota bittaa fi gurgurtaaf gabaatti walitti qabamaniirratti halleellaa Boombii raawwateen namoota 11 irra miidhaa cimaan dhaqqabuu fi walumaa galatti namoonni 34 madaa’aniiru , haleellaa kana kan raawwates qaamolee finxaaleeyyiidha kan jedhe Ibsi biiroo komuunikeeshinii naannichaa gareen kun gara shororkeessummaatti jijjiiramaa jiras jedheera.

Maqqan isaanii akka himamu kan hin feene hojjetaan Hospitaala Finooteselaam tokko Wiixata har’aa sagalee Ameerikaatti akka himanitti namoonni 27 madaa’anii hospitaala seenuu himanii isaan keessas namni tokko yaala yaala fooya’aaf gara Magaalaa Baahirdaaritti dabarfamus dubbataniiru. Achuma Magaalaa Finooteselaam keessatti gaafa Bitootessa 25, bara 2016 dhohinsa boombii mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Finooteselaam keessatti raawwateen barattota 25 irra miidhaa guddaa fi salphaan ga’uu isaa gabaasuun keenya ni yaadatama.

Walumaa galatti namoota miidhan irra ga’eeru, maatii irraa fi qaama halleellaa kanaan himatame hidhattoota Faannoo irraa deebii argachuu yaaliin taasise naaf hin milkoofne jechuun Baahirdar irraa Asteer Misgaanaawutu gaabase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:51 0:00
More
XS
SM
MD
LG