Xurree ittiin seenan

Breaking News

Finxaaleyyiin Hospitaala Waraanaa Kaabul Keessaa Weeraran


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Of wareegdota dabalatee gareen namoota meeshaa waraanaa hidhatanii hospitaala waraanaa Afgaanistaan guddicha haleeluu dhaan yoo xiqqaate namoota 15 yoo galaafatan kanneen biroo hedduu madeessanii jiran. Angawaan naga eegumsa Talibaan namoonni du’uu eenyummaa isaanii utuu hin beeksisin ibsanii jiran.

Dhaabbati oduu Afgaanistaan kanneen ijaan argan tuquu dhaan qkka gabaawtti, weerara sana booda Daa’eshtu jira. Dhaabbati kun maqaa naannoo sanatti IS kan IS kan konyaa Kohrasaan keessaattii hidhata qabu fayyadame. Ibsa itti dabalaa garuu hin kennine.

Dubbi himaan mootummaa Taliban akka jedhanitti haleellaan sun kan jalqabame, karra hospitaala magaalaa Wazir Akbar Khan naannoo jirutti dho’iinsa guddaa dho’eeni. Boombiin lammataa immoo keellaa sana keessatti dho’uu Bilaal Kariimii beeksisaniiru. Odeeffannoo dabalatee kennuuf illee waadaa seenanii jiran.

Humnoonni Taliban kanneen haleellaa raawwatanii fi hospitaala Sardar Mohammad Dawuud Khan keessa turan waliin wal waraanaa akka turan ibsanii jira. Namni hagamii akka du’e battala hin beekamne, haleellaa sanaafis kan itti gaafatama fudhate hin jiru.

Talibaan walakkeessa baatii Hagayyaa biyyattii erga to’atee booda Afgaanistaan keessatti garee IS-Khoraasaan jedhamuun haleellaan raawwatamu dabalaa adeeme. Haleellaan sun irra jireessa kan irratti fuuleffate, loltoota Talibaanii fi miseensota sab xiqqaalee hawaasa Shi’aa irratti yoo ta’u namoota dhibbaan laka’aman galaafatee kaan madeessee jira.

Bara 2017 keessa finxaaleyyiin IS hospitaala waraanaa sana weeraruu dhaan namoota 20 ol galaafataniiru. Talibaanis mootummaa Afgaanistan warreen dhiyaan deggeramuu fi loltoota biyyootii alaa Yunaayitid Isteetisiin hoogganaman irratti ajjeechaa lootee seentummaa geggeessaa ennaa turetti hospitaalicha irratti fuuleffateera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG