Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhukkubi Influweenzaa Ykn Fluu Jedhamu Maali?


Dhukkubi Infeluweenzaa ykn Fluu jedhamu daariqa ykn infeekshinii ujummoo hafuuraa, funyaan, qoonqoo fi somba miidha. Dhibeen kun yoo hammaate hamma du’aatti geessisuu mala. Mallattoon dhukkuba infulweenzaa ykn Flu ho’a qaamaa digirii Ferenaayitii 100 ga’u, qoonqoo keessa dhukubuu, qaama namaa dhaamochiisuu, dafqisiisuu, dhukkubbii mataa, qufaa fi dadhabbii qaamaa yoo ta’u funyaanis nama ukkaamsa.

Dhukkubi infuluweenzaa ykn flu jedhamu kun keessumaa daa’imman, maanguddoota, dubartoota ulfaa fi namoota qaami isaanii dhukkuba of irraa ittisuuf humna xiqqaa qaban akkasumas kanneen yeroo dheeraaf dhukkubsataa turan irratti daran jabaata.

Dhukkubi influweenzaa baatii qorri itti hammaatu Fulbaanaa qabee hanga Bitootessaa gidduutti bifa weeraraan kan ka’u ta’uun beekama.

Kutaa minisootaa keessa ka jiru Klinikii meeyoo kan Hospitaala meenkeetoo irraa Dr Amaanuuel Oljirraa maallummaa dhukkuba kanaa ibsaniiru. kuataa duraa gaaffii fi deebii kanaa mallattoo armaan gadii tuquun dhaggeeffadhaa.

Gaaffii di Deebii dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:47 0:00
Xurree marsariitii
XS
SM
MD
LG