Xurree ittiin seenan

Breaking News

ECOWAS Yaalii Fonqolcha Mootummaa Giinii Bisaawoo Irratti Geggeessame Blaaleffate


Ennaa dhukaasi sun dhaga’ame jeneraalli waraanaa duraanii prezidaant Umaaroo Cissookoo Embaadaloo wal ga’ii kaabinee geggeessaa akka turantu gabaasame.
Ennaa dhukaasi sun dhaga’ame jeneraalli waraanaa duraanii prezidaant Umaaroo Cissookoo Embaadaloo wal ga’ii kaabinee geggeessaa akka turantu gabaasame.

Afriikaa dhiyaa kutaa Giinii Bisaawoo keessatti kibxata kaleessaa naannoo masaraa mootummaatti dhukaasi guddaan dhaga’amee jira. ECOWAS kun yaalii fonqolcha mootummaa ti ittiin jechuu dhaan balaaleffatee jira.

Ennaa dhukaasi sun dhaga’ame jeneraalli waraanaa duraanii prezidaant Umaaroo Cissookoo Embaadaloo wal ga’ii kaabinee geggeessaa akka turantu gabaasame.

Maddeen mgaalaa galma mootummaa Bisaawoo keessaa akka jehanitti namoota meeshaalee gurguddaa hidhatantu biilsa sana marsan. Rooyiters akka gabaasetti namoonni lakkoobsi isaanii hin beekamne yoo madaa’an lama immoo ajjeefamaniiru.

Prezidaant Umaro Sissoco Embalo akka jedhanitti jalqabbii gumii ministerootaa irratti prezidaantii ripaablikichaa, ajajaan walii gala humnootii waraanaa, muummichi ministeeraa fi miseensonni mootummaa kanneen biroon bakka argamanitti dhukaaia meeshaa gurguddaa, qawween maashin gaanii fi AK-47 dhuka’uu dhaga’uu tilmaamuun na dhiba jedhan. Ajajaa waraana walii gala miliqsuuf, dhukaasi sun sa’aatilee shaniif geggeessamee jira.

Uummati akkasitti haala jiru hin hubanne tasgabbaa’ee jira. Humnaaoonni ittisaa ripaablikichaa fi humnootiin naga eegumsaa hojii hamminaa fi ulee hamminaa dimokraasii keenya irratti darbatame dhaabsisuu danda’aniiru jedhan.

Oduun kun yoo mirkanaa’e, dhiya Afriikaa keessatti yeroo torban tokkoo keessatti fonqoalchi mootummaa yeroo lamaffaa geggeessamuu isaa ti.

Prezidaantiin Burkinaa Faasoo Roch Kaboree Amajjii 23 waraanaan aangoo irraa fonqolchaman. Giinii fi Maalii keessaas angawoonni waraanaa waggaa darbe aangoo qabate.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG