Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ertraan uummati harkaa yaa'ee duwwaatti hafaa jirti jedhu hooganoonni gama dhiyaa


Prezidaantii Ferensaay Francois Hollande
Prezidaantii Ferensaay Francois Hollande

Gamtaan Awrooppaa yeroo hatattamaaf kan barbaachisu doolaara biliyoona 1.9 ramaduuf karoorfatee jira. Biyyoonni Afriikaas gama isaaniitiin godaansa goolu galtootaa ittisuutu irraa eegama. Haa ta’u malee hojii irra ooluu isaa hedduun shakkii qabu.

Afriikaan koolu galtoota gara Awrooppaatti yaa’an ittisuu akka dandeessutti deggersa sadarkaa addunyaa ishee barbaachisa jechuu dhaan prezidaantiin Ferensaay Fraanswaa Holand yaadachiisaniiru.

Franswaa Holaand hoogganoonni Afriikaa fi kan gamtaa Awrooppaa 60 ol ta’an bakka argamanitti haasaa dhageessisaniin gamtaan Awrooppaa gargaarsa yoo dhiyeesse malee lammiiwwan Afriikaa kuma hedduutti laka’aman Afriikaa irraa gara Awrooppaatti akka yaa’aniif rakkoon sababaa ta’e itti fufa jedhan. Holand itti fufuu dhaan godaantonni lammiiwwan Afriikaairra hedduun Ertraa fi Sudaani irraa ti jedhan.

Ertraa fi Sudaan irraa heddumminaan godaanaa jiru. Rakkoo kana hiikuu qabna. Keessumaa Ertraa ilaalchisee rakkoo guddaan waan jiruuf dhiibbaa ol aanaa kaa’uu qabna. Waa’ee dhimma kanaa eeyu iyyuu dubbataa hin jiru. Uummati isaanii akka godaanu kanneen godhan hoogganoota qaanii hin qabaanne irraan kan ka’e Ertraan biyya uummata hin qabne ta’uutti jirti jedhan.

Tokkkummaa mootummootatatti ambaasaddorri Ertraa Girmaa Asmeroom gama isaaniin jechi presidenticha Ferensaay dhugaa irraa kan fagaate jedhanii jiran.

Haasaan prezidaantii Ferensaay hedduu kan nama gaddisiisuuf dhugaa irraa kan fagaate. Kana prezidaantonni hin barreessan. Beekna. Warren gaanfa Afriikaa waan barreessaniif fakkaata. Hoogganoonni Afriikaa fi kan addunyaa kan wal ga’aniif sababaan rakkoo addunyaa waan ta’eef jecha. Kanaaf dhugaan isaa haala Ertraa waliin wal hin simu haasaan prezidaanticha. Kanaaf baay’ee nama gaddisiisa jedheen bira darba.

Gabaasa guutuu armaan gaditti caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:06 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG