Xurree ittiin seenan

Breaking News

Furmaanni Siyaasaa Akka Argamuuf Of Qusannee Jirra: Hoogganaa Humnoota Tigraay


Faayilii - Taankii lola irratti rukkutame, Adoolessa 1, 2021
Faayilii - Taankii lola irratti rukkutame, Adoolessa 1, 2021

Guyyaa kaleessaa ajajaan waraanaa garee ripxe loltoota Tigraay mootummaa Itiyoopiyaa waliin walii galteen lola dhaabiinsaa akka tolfamu gaafachuu dhaan walitti bu’iinsa naannoo gama kaabaaf furmaata siyaasaa akka argamuuf jecha of qusannee jirra jedhanii mootummaan waraansa sana injifachuu hin danda’u jedhan.

Furmaanni Siyaasaa Akka Argamuuf Of Qusannee Jirra: Hoogganaa Humnoota Tigraay
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:27 0:00

Waraanni mootummaa Maqalee keessaa erga ba’ee torban tokko booda Rooyitresiif ibsa kan kennan Tsaadiqaan Gebretensaay, injifatamuu humnoota Abiy booda amma walii galteen lola dhaabiinsaa haa tolfamu jechaa jirra jedhan. Rakkoo jiru maraaf furmaata siyaasaa arguuf jecha of qusannee jirra, hawaasi addunyaa haala kana yoo hubate nan fedha jedhaniiru.

Bakka hin beekamne irraa bilbila saatelaayitiin akka dubbatanitti, filmaati ka biroon hin jiru taanaan, filmaati itti aanu tarkaanfii waraanaan furmaata fiduu yaaluu dha jedhan. Dubbi himaan muummicha ministeeraa Abiy Ahimed fi hooggnaan gurmuu dhimma Tigraay yaada kanaaf battala deebii hin kennine.

Mootummaan Abiy erga jalqaba baatii Sadaasaa qabee paartiin ennaa sana biyya bulchaa ture TPLF maadhee waraanaa gama kibbaa haleele ittiin jedhee as adda bilisummaa uummata Tigraay waliin lola irra ture.

TPLF himannaa sana ni haale. Sanaan booda siivilonni kumaan laka’amanii fi qabsaa’onni lakkoobsi isaanii hin beekamin du’aniiru. Lolli sunis hariiroo gam lamaanii baatileef gad adeemaa erga deemeen booda itti fufe.

TPLF mootummaan dhalattoota Tigraay irratti loogii oofuu dhaan aangoo ofii waaltessuuf yaalii gochaa jira. Mootummaan akka jdhetti immoo, kan ani tarkaanfii fudhataa jiru garee yakkamtoota TPLF irratti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG