Lammiwwan Itiyoophiyaa daangaa Saawudii Arabiyaa fi Yemen bakka “ Haraad ” jedhamutti danqamanii nyaata, bishaanii fi dahannaa dhabanii rakkataa jiraniif kan oolu doolaara miliyoona tokko akka kennamuuf jaarmayaan waa’ee godaantootaa kan addunyaa IOM iyyatee jira.
Lammiwwan Itiyoophiyaa Haraaditti rakkataa jiran kun kuma 2 ta’u jechuun Jaarmayaan Waa'ee Koolu-galtootaa UNHCR gabaasuus, dhabbatonni ka biroon hanga kuma 6 galmeessuu isaaniitu himama jedhu waajiira waa’ee godaantootaa kan sadarkaa addunyaa IOM Jenevaa jiruuf dubbi-himtuu kan ta’an, Jeminii Paandiiyaa.
Rakko Haaraad keessatti uumamee ilaalchisee ibsa kennaniin, namootni kumni hedduun kanneen seeraa-ala gamas seenan kun, irra-jiressi isaanii lammiwwan Itiyoophiyaa tahuu isaanii fi biyya ofii irraa ka’anii Somaliyaa keessa darbuun, galoo galaana Eden qaxxaamuranii gara handaara galaana Yemeen eega ga’anii booda, lafoo Yemeen kaabaa bakkka “Haaraad” jedhamtu ga'uu isaanii dubbatan.
Namoonni baadiyyaa Itiyoophiyaa keessatti jireenya hiyyummaa jiraataa turan kun, jireenya foyya’ee fi carraa hojii argachuuf gara saawudii Arabiyaa fi bakkawwan birootti godaanu, jedhu dubbi-himtuun IOM. Akka ibsa isaaniitti godaantonni kun namoota seeraa-ala gara biyyoota Giddu-galeessaa Bahaa, Galoo Galaanaa fi bakkawwan birootti isaan ceesisaniif maallaqqa guddaa kennu.
Gamma biraan immoo, angawonni Saawudii eega baatilee dhiyeenya kanaa tii as daangaa Yemeen waliin qaban waan cufaniif jecha ulaa daangaa banamaa tokkittii jiru Haraad waan ta'eef achitti danqaman, jedhu Ms. Paandiiyaan. Kanneen keessaa godaantota 1050 ta’an gara Itiyoophiyaatti deebisuuf akka karoofatanii fi kanaaf kan oolu maallaqa gargaarsaa argachuuf akka iyyataa jiran illee dubbatu.Garu jedhan Itiyoophiyaatti kan deebifaman fedhii yoo qabaatan qofa ta'u hubachiisanii jiran.
Baqatoonni Oromoo Haaraad keessatti rakkataa jiran maal jedhu? Fuula kana irra gama harka mirgaa ka jiru MP3 tuquun dhaggeefadhaa.