Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaambiyaan Prezidaantii Filatte


Prezidaantii Gaambiyaa Adama Barrow, Mudde 5, 2021.
Prezidaantii Gaambiyaa Adama Barrow, Mudde 5, 2021.

Prezidaantiin Gaambiyaa Adama Barrow mormiituu isaanii injifachuun marsaa irra deebiif filatamanii jiru.Kunis biyyatti keessatti boqonnaa haaraa ta’a jedhamee jira.

Filannoo Muddee 4 gaggeeffamee Kanaan, Prezidaantichii sagalee kennamee keessaa harka 53 injifachuun isaanii Komishinni filannoo walabii Dilbata kalleessaa labsee jira.

Kunis mormituu isaanii paartii biraa irraa dhiyaatan Ousainou Darboe kan sagalee harka 28 argatan akka gaariitti injiifatan jedhamee jira.

Filannoo prezidaantummaa kan waggoota kurna hedduu keessatti yeroo duraaf hogganaan abba irree biyyatti duraanii Yahya Janneeh ituu irratti hin hirmaatiin gaggeeffame isa jalqabaa ta’e jira.

Yaayyaa Jamee ba’ii filannoo bara 2016 hin fudhu jechuun biyya Iquuaatoriyaal Giniitti dheessan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG