Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanni Isiraa’el Haleellaa Jimaata Har’aa Gaazaa Keessatti Raaw’ateen Namoonni 29 Ajjeefamuun Gabaasame


Namoota haleellaa Israa'el Gaazaa keessatti gootuun qehee irraa buqahan, Bitootessaa 15, 2024,
Namoota haleellaa Israa'el Gaazaa keessatti gootuun qehee irraa buqahan, Bitootessaa 15, 2024,

Jimaataa har’aa haleellaa waraannii israa’el lafaa fi samii irraa raawwateen giddu galaa fi kaaba Gaazaa keessatti lammileen Palastaayin 29 du’anii 150 kan ta’an immoo madaa’uu isaanii ministerrii fayyaa gaazaa inni Hamaasiin hogganama jidhamu beeksiseera.

Haleellaa bakka lamatti raawwatame kana keessaa inni jalqabaa giddu gala Gaazaa mooraa al- Nusirat jedhamuu keessatti bakka namoonii gargaarsa namoomaa eggachaa jiranuuti xiyyaaraan kan raawwate yemmuu ta’u, balaa kanaanis namoonni 8 ajjeefamuun isaanii ibsameera. Haleellaa lammfaa waraana lafootiin namoottan gargaarsaa eggachaa jiran irratti raawwateen namoonni 21 du’uu isaanii ministeerri fayyaa gaazaa ibsuun isaa gabaasameera.

Waraanii israa’el dhimma haleelaa kanaa fi miidhaa sivilota irratti raawwatamera jedhame qorachaa akka jiru ibsee jira.

Balaan kun kan qaqqabee ministeerri dhimma alaa Yunaayitid Isteetts, Antonii Biliiken Roobii dheengadaa, Israa’eel nageenyaa siviilota Paalastaayin mirkaneesuu hojii ishee isaa jalqabaa taasisuu qabdi erga jedhanii booda. Antoonii Biliinken dhimmaa kana irratti marii minsteerota biyyaa Saayipres, Yunaayitid Kiingdem, Yunaayitid Arab Imereet/UAE, kaataar akkasumas, baka bu’ota gamtaa Awurooppaa fi dhaabbata mootumoota gamtoomanii wajjin waa’ee gargaarsaa namoomaa karaa galaanaatiin Gaazaatti galchuu irratti taasisaniin, Israa’eel nageenyaa siviilotaatiif dursa akka kennuu qabdu jabeessanii hubachiisaniiru.

Itti gaafatamaan, dhimma imaammata alaa gamtaa Awurooppaa Josep Booreel kamisaa kaleessaa yemmuu Waashingteeniin daawwatan ibsaa kennaniin, akka mootummaa Israa’eel haala gargaarsa namoomaa mijeessu mootummaan Yunaayitid Isteets akka dhiibbaa irratti taasisu gaafachuun isaanii gabaasameera.

Odeeffaannoo walqabateen ministeerii dhimmaa alaa Awustiraaliyaa Peenii woong jimaata har’aa magaala Kaambeeraa keessatti ibsa kennanii, biyyi isaanii gargaarsaa namoomaa karaa dhaabata mootumoota gamtoomaanii isa Gaazaa keessaatti hojjachaa jiruun kennuu akka itti fuftuu ibsanii jiru.

Dhaabbanii mootumoota gamtoomanii inni gargaarsaa Plalastaayin qindeesu/ UNRWA hoggantoonni isaa Hamaasii wajjin hidhata qabuu jedhamee erga himatamee boodaa Yunaayitid Isteetsin dabalatee biyyoottan heduun karaa dhaabbata kanaatiin gargaarsa erguu dhaabuuf murteesuun isaanii niyaadatama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG