Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaazeexessonni Mana Murtii Duratti Dhiyaatan


FAAYILII - Mana Murtii Federaalaa Itoophiyaa magaala FInfinnee, bara 2011
FAAYILII - Mana Murtii Federaalaa Itoophiyaa magaala FInfinnee, bara 2011

Gaazeexessonnii fi namoonni Midiyaa kanneen toraban lamaan darban keessatti hidhaman yeroo 3ffaaf har’a mana murtii duratti dhiyaatanii jiru. Caamsaa 30 bara 2022 yeroo lammataaf ennaa dhiyaatan polisonni shakkamtoota irratti qorannaa akka gaggeessaniif guyyaa dabalataa torba manni murtii kennee ture.

Abukaatoleen immo dhimmi isaanii akka seera midiyaa isa haaraa isa bara dabree raggaasiafameetti ilaalamuu qaba jechuun falman.

Manni murtii Fedeeraalaa dameen Araadaa shakkamtonni kun mirgii wabiin gadhiifamu kan ilaaleen ha’ra dubata jedhamee eegama. Komishinni mirga namoomaa kan Itiyoophiyaa namoonni midiyaa dhiyeenya kana hidhaman battalumatti akka gadhiifamaniif gaafatee jira.

Gareeleen mirga namoomaaf falman yaada wal fakkaataa dhageesisanii turan jechuun Keeneedii Abaate Finfinnee irraa gabaasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG