Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaazexeessitoonni TV Tigraay Baatii Sadeet Hidhaa Keessa Turan Gadhiifaman

FAAYILII - Magaala Maqalee, naannoo Tigray
FAAYILII - Magaala Maqalee, naannoo Tigray

Gaazexeessitoota Televizhinii Tigraay shanan kanneen gara baatii saddeetiif hidhaa keessa turan keessaa sadi jalqaba torbee kanaa gadhiifamanii jiru.

Adda Bilisummaa Uummata Tigraayiin kan hogganamuu Mootummaan bulchiinsa naannoo Tigraay, gaazexeessitoota kana diina kana ittiin jedhanii turan mootummaa federaalaa Itoophiyaa fi Paartii Badhaadhinaa biyya bulchaa jiru waliin tumsa qabu jechuun himatee ture.

Gaazexeessitoonni kunneen bara darbe ji'a Caamsaa fi Waxabajjii keessa to'annoo jala oolfaman.

Koreen Mirga Gaazexeessitootaaf falmu CPJ-n aangawoonni Tigraay gaazexeessitoota shanan Televijiinii Tigraay keessa hojjetan hatattamaan akka gadhiisan waamicha dhiyeessaa tureera.

This item is part of

Forum

XS
SM
MD
LG