Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaazexeessitotii 20 oli akka daarekterii VOA hujii irraa bu'u gaafatan


The Voice of America building, Monday, June 15, 2020, in Washington.
The Voice of America building, Monday, June 15, 2020, in Washington.

Gaazexeessitotii 26 kun daarekterii kun seera cabsee nama irratti haalii bahuun himatan.

Namii akka innii hujii irraa bu’u gaafachuutti jiran,Robert Reilley dhiyuma tana hujii tanatti filan.

Isaa fi itti aantuu isaa,Elizbeth Robbins seera gaazexeessummaa VOA cabsanii ministera haajaa alaa Amerikaa,Mike Pompeo Channel VOA irratti akka fedhe kallatiin ykn LIVE akka dubbatu tolchan jedha barreeffamii kalee bahe tokko.

Achiin duubatti gaazexeessituu VOA,White House gabaastuu waan isiin Pompeo wagaafachuu yaaltee hujii duraan keessa jirtu irraa dhaaban jedha himatii kun.

Dhaabii mootumaa hin tahin ka itti gaafatamoota qoratu GAP aka gaazexeessitota wahimatan kanatit bulchiinsii haaloo hin baane dhaaba VOAn jala jirtu(USAGM) ,bulchiinsa VOA,Biiroo Kaawunsilii Qorataa Addaa Koree Haajaa Alaa Senetii Amerikaa gaafate.

Namii hujii duraan irra jirtuu irraa dhaaban jedhan Patsy Widakuswara, ganna 17 VOA keessa hojjachuutti jirti.

Wiixata dabre keessa hujii duraan keessa jirtu gabaasummaa VOA White House irraa dhaabanii itti himan.

Wannii hujii itti jijjiiraniif waan isiin ministera hajaa alaa Amerikaa waajjira guddaa VOA dhufe Pomepeo fi daareter VOA Reilly wa gaafateef akka warrii himate jedhetti.Pompeon dubbii waajira VOAtti dubbateen bulchiisa USAGM haaraa Miachel Pack faarse.

Gaazexeessitota VOA kutaa Hong kong hiriira jijjiirama ummatii biyya isaanii hiriiraan gaafate dubbahcuu isaaniitiin faarse.Gaazexeessituun hujii irra dhaaban jedhan tun nama badhaasa gazexeessitotaa kenna ka Burke Award garee isii waliin argatte keessa tokko.

Miseensii kongireessi Amerikaa Michael McCaul(R-TX) kutaa fi Gregory Meeks, (D-NY) gaazexeessituu VOA Whithe House keessaa gabaastu achii baasun waan tahuu qabaatii miti jedhanii koree senetii haajaa alaa Ameikaa waliin gabaasa baasan.

Eegii Pompeon dubbatee fixeen duubatti daarekterii VOA ministera haajaa alaa gaafii gagaafate taatullee gaafii kutaan oduu itti kennatte haala dhiyoo irratti hin gaafanne.

Patsyn ministera haajaa kana isaa bahuuti jiru wa gaafachuuf yaalte gaafachuu hin dandeettu jedhaniin.Tana malee warrii himate kun daarekterii kutaa oduu VOA Yonald Lopez adoo namii hin beekin hujii irraa jijjirian jedhee himata.

Bulchiinsii USAGM waan gaazexeessitotii himatan akka bulchiinsii VOA deebi kennuuf gaafate.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG