Muummichi barreessaan tokkummaa mootummootaa Antooniyoo Guteres ajjeechaa gaazixeessitu lammii Meeksikoo irratti dilbata darbe raawwatame balaaleffatanii jiran. Ajjeechaan akkasii waggaa kana yeroo sadaffaa ta’uu isaa ti. Lourdes Maldonaadoo Loopeez konkolaataa ishee keessatti itti dhukaafamuun ajjeefamtee kan argamte mana ishee magaalaa kaaba Tijuanaa cinatti ture.
Ajjeefamuun isee kun kan dhaga’ame abbaa qabeenyaa dhaabbata miidiyaa kan ta’aniif bara 2019 keessa akka miseensa paartii prezidaant Andres Manuel Lopeez Obraadooritti bulchaa kutaa Baja kaalifoorniyaa ta’uu dhaan kan filataman irratti himannaa seeraa dhiyeessite injifattee guyyoot hanga tokko booda ture.
Maldonaadoo-n dhaabbata Boniilaa keessaa erga ari’atmatee booda shaakala hojii kan haqaa hin taaneen himatte. Lubbuu isheef waan sodaatteef jecha prezidaant Lopeez Obradoor waggaa sana keessa tuuta oduuf ibsa kennan irratti dhuunfaa dhaan akka ishee gargaaraniif iyyattee turte.
Gareen mirga namaa Humaan rights watch addunyaa irraa Meeksiikoon biyya gaazixeessotaaf akkaan sodaachisa dha ittiin jedhee jira.