Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamtaan Afriikaa Gabaasa AMISOM Ilaalchisee Baase Hin Fudhadhu Jetti Somaaliyaan


Faayili - Helikooptarii gurmuu naga eegumsa gamtaa Afriikaa AMISOM jedhamuun beekamu, Somaaliyaa
Faayili - Helikooptarii gurmuu naga eegumsa gamtaa Afriikaa AMISOM jedhamuun beekamu, Somaaliyaa

Mootummaan Somaaliyaa Muddee bara 2021 gabaasa gamtaa Afriikaa kan hojii egeree gurmuu naga eegumsa gamtaa Afriikaa AMISOM jedhamuun beekamu ilaalchisee filmaata afur inni dhiyeesse fudhatama dhabsiise.

Filmaati garee qorannaa gamtaa Afriikaan dhiyaate sun, ergama gurmuu AMISOM irra deebi’uun ijaaramee fi humnootii eeggataa Afriikaa bobbaauu ykn AMISOMn Somaaliyaa keessaa baasuu kan jedhu.

Gabaasi gamtaa Afriikaa sun mootummaa Somaaliyaa fi kutaalee miseensa ta’an akkaan kan qeequ yoo ta’u, rakkoo sabatiinsaaf bu’uurri mootummaa federaalaaf mootummoonni miseensa ta’an heera gamaaggamuu, aangoo fi rakkoo aangoo qooddannaa ti jedhee jira.

Kanneen siyaasa Somaaliyaa keessatti hirmaatan walii galteelee hin kabajani, sirna heera federaalaa caalaa kabajaa gosaa caalchisu jedha gabaasi sun.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG