Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gabaasa Amnestii Kan Haala Qabinsa Mirga Dhala Namaa Bara 2015


Gareen mirga dhala namaaf falmu Amnestii Intrenaashinaal gabaasaa isaa torban darbe baaseen Eritraa keessatti sababaa tajaajiila looltummaa biyyoleessaan kan ka’e waan seeraan ala akka hojjatamu, kanaafiis lammiwwan biyyatti hedduun biyya ofii gadhisanii ba’uuf akka dirqaman gabaasee jira.Paartileen siyaasaa akka jiraatan hin ehamamuu, walabummaan amantis daangeeffamaa dha, jedha.Gama biraan Itiyoophiyaa keessatti waggaa darbe filannoo bakka bu’oota uummataa gaggeeffameen dhibbaa dhibbatti paartiin biyyattii bulchaa jiru injifachuun eega labsamee booda paartileen mormituun duula filmaataa gaggeessaa ituu jiranii hidhamuu fi dararaan irratti geggeessamuu ibsee jira.

Itiyoophiyaa keessatti yaada ofii walaba ta’anii ibsachuu fi walabummaan gurma’uun akka hin jirre kan ibsee Amneestiin hawaasa sivilii ukkaamsuun sadarakaa guddaatti gaggeeffama jedha. Seera farra shoroorkeessummaatti gargaaramuun himachuun Mootummaa biratti gochaa beekamaa ta’uu Kn ibase gabaasaan kun Oromiyaa keessatti mormii gaggeeffamaa jiru keessatti humnootiin nageenyaa hiriirtoota nagaa irratti tarkaanfiin fudhataa jiran “gocha mirga dhala namaa cabse” jedha.

Tarkaanfiin humnaa fudhatamu lubbuu galaafachuu dabalatee hammaataa kan dhufee fi hammaa ba’a akka ta’e, polisonni kallattiin uummata irratti akka dhukaasan sababaa kanaanis lubbuu namoota hedduu darbuu kanneen ragaa ba’an akka jiran Amnestiin ibseera.

Gabaasni sagalee kunooti
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:12 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG