Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gabaasaa Dhaabbata Kaarniigii: Adduyaa Irratti Biyyoota Jaarmayaalee Siivilii Hiraarsan Keessaa Isaan Duraa Raashiyaa, Masrii fi Itiyoophiyaa Dha


Carniegie Endowment for International Peace
Carniegie Endowment for International Peace

“Carniegie Endowment for International Peace” yokaan “Arjooma Kaarneejii Negeenya Addunyaaf” ka jedhamu – Jaarmayaan sadarkaa Addunyaa, ‘Jaarmaaaylee Haawaasaa Cunqursaa Jala Jiran” jechuudhaan gabaasaa haarawa tokko baasee jira. Jaarmayaalee hawaasaa bakka dhorkachuun biyyoota baay’ee keessatti mallattoo jireenya siyaasaa isaanii akka ta’aa dhufe dubbata – gabaasaan jaarmayaa kanaa. Guutummaa Addunyaa irratti seera-qabeessummaa fi faayida-qabeessummaan Jaarmayaalee Siivilii akka gad-xiqqaatu malaa fi carraaqqiin adda addaa akka geggeessamaa jiru dubbata. Biyyoonni hacuuccaa kanaan addunyaa irratti adda duraan beekaman Raashiyaa, Masrii fi Itiyoophiyaa ta’uu dubbata – gabaasaan kun.

Biyyoota sadeenuu -- jechuun Raashiyaa, Masrii fi Itiyoophiyaa keessatti, jaarmaalee yokaan waldaalee Siivilii irratti miidhaan geggeessamu hammaachuu irraa kan ka’e, akka jarmayaaleen hojiiwwan isaanii jijjiiran, maddeen maallaqaa haarawa barbaadanii fi gara jaarmayaalee caalaa cimaatti of jijjiiruu isaanii dubbata – gabaasaan Kaarniigii.

Akka gabaasaan kun jedhutti, mootumoonni Raashiyaa, Masrii fi Itiyoophiyaa, hojii jaarmayaalee siivilii daangessuudhaaf, toftaalee adda addaatti fayyadamu.

Kanneen keessaa tokko, jaarmaayaalee siivilii walabaa irratti duula maqaa-xureessuu geggeessuudhaan akka hojiin isaanii simatama dhabu taasisuu, gidduu-seeninsi humnoota polotikaa alaa jira – shakkii jedhu daran cimsuu, sodaa fiinxaalessuummaa amantii uumuu fi akka uummatni namoota baratan irratti ilaalcha gaarii hin qabaanne duula oofuu.

Lammaffaa, seerawwan jaarmayaalee ka mootummaa hin taane daangessanii fi danqan baasuu irra taranii,m tarkaanfiilee “farra-shorkeessummaa fi farra-mormii” jedhanitti hiikkkaa seeraa ifaa hin taanee fi wal-dhahaa tahe kennuudhaan, akka qabsaa’onni tarkaanii seerri kun hordofsiisu beekuu dhabuu irraa, sodaatanii fi saansurii of godhan taasisuu,

Sadaffaa, jaarmayaalee ka siyaasaa hin taanee fi jaarmayaalee ilaalcha siyaasaa qaban gidduutti addaan-qoodaminsa uumuudhaan, kaan badhaasuudhaan akka mootumaa deggeran hawatu – jedha – gabaasaan Kaarniigii.

Waa’ee mootummaa Itiyoophiyaa addaatti baasee ennaa dubbatu, “Aangawoonni Mootummaa Itiyoophiyaa, akka dhaabbatoonni falmii mirgaaf hundeessaman gara taajaajila kennuu qofatti daangessaman taasisee, karaa itti maallaqa hojii argatan illee gara-malee daangesse” – jedha.

Akka gamtaa jaarmayaalee riphxee-loltootaatti dhufee bara 1991 ka taayitaa qabate – Addi Dimookiraatawa Warraaqsa Uummatoota Itiyoophiyaa – Ehaadeg – waggoota kurna lamaan dabran kana keessatti, deemsa irreen-bultummaan deemuun isaa naannoolee fi sab-lammoolee keessatti momii jajjabaa akka kakaase dubbata. Ehaadeg, aangoo dhuunfachuutti cichuun isaa akka harkaa laaffataa deemetti, jaarmayaalee siyaasaa fi kan hawaasummaatti bakka dhiphisuutti tarkaanfate – ka jedhu – gabaasaan Kaarniigii, seerawwan mootummichi bara 2009 baase lama – ka labsii jaarmayaalee gargaarsaa fi hawaasummaa fi labsiin farra-shororkeessummaa, kabajaa mirga dhala-namaa duraanuu biyyattii keessatti dadhabaa tahe akka ajjeese dubbbata. Tarkaanfiin mootummichi Itiyoophiyaa fudhatu gara gurmuulee misoomaa fi gargaarsa namoomaatti babal’achuu isaa illee dubbatee jira.

Ehaadeg akkuma taayitaa qabatetti, siyaasaa liberaalizimii argisiisuu eegale iyyuu, miidiyaa walabaa fi jaarmayaalee hawaasaa irratti shakkiin qabu akka hin jijjiiramiin ka dubbatu – gabaasaan kun, akka fakkeenyaatti, walakkeessa baroota 1990mootaa ka mootummicha qeeqaa turan – waldaaleen hawaasaa lama - Waldaan Barsiisotaa Itiyoophiyaa fi Konfedereeshinii Daldaltootaa Itiyoophiyaa akka mootummichaan hiraarsamaa turan dubbata. “Prezidaantiin Waldaa Barsiisotaa Itiyoophiyaa bara 1996 gochaa shiraatiin hidhame. Prezidaantiin Konfedereeshinii Daldaltootaa bara 1997 baqatee biyyaa ba’e” – jedha.

Dhaggeeffatoota keenyaa, gabaasaan dhaabbata “Kaarniigii Endowment for International Peace” jedhamuun har’a bahe qabiyyeen isaa kana qofa miti. Har’aaf kanuma irratti dhaabee, torban dhufu, Dirree Dimookiraasii irratti itti deebina. Deebii Mootummaa Itiyoophiyaa irraa agarchuufis carraaqaa jirraa – yoo arganne, wajjumaan dhiheessina.

Gabaasaa Dhaabbata Kaarniigii: Adduyaa Irratti Biyyoota Jaarmayaalee Siivilii Hiraarsan Keessaa Isaan Duraa Raashiyaa, Masrii fi Itiyoophiyaa Dha
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:10 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG