Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gabaasi taajjabdoota gamtaa Awrooppaa kosii dha Jedhu Obbo Malls Zeenaawwii.



Gabaasichi waa’ee filannoo Ethiopia utuu taane warreen gama dhiyaa kanneen fedhiin isaanii utuu hin guutin hafee fi milkaa’ina paartii biyya bulchuu jibbanii ti jedhan.

Gamtaan Awropa gabaasa isaa xumuraa torban darbe Brussels keessatti ifa taasiseen paartiin biyya bulchu filannoo haqa hin taane geggeesse, qabeenyaa mootummaas duula filannoo ofii isaaf itti fayyadame jedhee jira.

Hoogganaan gurmuu taajjabdoota gurumuu taajjabdoota gamtaa Awropa Thais Berman muummichi ministeeraa Meles qeeqa akkasii dhiyeessuun sadarkaa ofii gad buusan jedhan.

Gareen mormitootaa immoo gabaasi gurumuu gamtaa Awropa boodatti harkifatee dhufuun isaa fi biyya keessatti ifa taasisuuf eeyama mootummaa dhabne jechuun ragaa qabatamaan yoo deggerame malee fudhatama hin qabu jechuun komee gama isaanii dhiyeessan.

Ministriin dantaa alaa Ethiopiaas gabaasa gurumuu taajjabdootaa sanatti gadduu isaa ibsee jira. Gabaasa guutuu MP3 tuquun caqasa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG