Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gadaafii:Trippoolii hantuuta, fi warra harka dhiigaatii hin kenninu


Waraanii mootummaa Gadaafii gara galche barbaadaaf faanuma Gadaafii jiraa doolara miliyyonaatiin barbaachisuutti jira

Dallansuun nama biyya Arabaa ta bulchoota isaanii hujii irraa buusuuf ykn “jijjiirama” fiduuf lolan,Tuniiziyaa jalqabdee lafa hedduu waliin geette.

Bulchootii hagii tokko baqatanii,kaan qabamanii kaan waraanaa walitti jiran. Gadaafii,prezdaantii Liibiyaa ganna 42 bulchitee bu’i jedhanii sobaa fi sobaatalleen dadhaban.Uummatatti na filatee Liibiyaa warra biyya balleessutti hin kennu jedhee dide.

Waraanii NATO ummata nagaa badii dhowwaa jedhee teessoo mootummaa Liibiyaa,kuusaa waraana,teessoo prezdaantii Liibiyaa ji’a jahaaf dhaanaa bahe.Warrii mootummaa kana gara galchuuf lolu ammoo tana jala hadhatee hadhuma hadhee prezdaantii Liibiyaa hujii irraa buufate.

Teessoo Gadaafii fudhate,Gadaafii fi miilota isaa asi cophxeellee hin garre faanallee hin agarre.Taatullee Gadaafiin biyya tana hantuuta,warra harka dhiigaa (warra hujii wanjala hojjate),warra biyya balleessuu faatti hin kenninuu jedhee lafuma jiruu ummatatti dhaamate.Oduun hagii tokko Gadaafiin biyyaa hin baane soqaa barbaadaa jedhee barbaaduutti jiranii jetti.

Waraanii Gadaafiillee ka jiru mana bulchaa isaanii gama tokkoon itti dahatee loluufiitti jira,taatullee dubbiin akkuma baratan harka maratanii hin taane.Waraanii mootummaa Liibiyaa amma akka duriillee humna hin qabu, namuma hafetti loluufiitti jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG