Xurree ittiin seenan

Breaking News

Booranii bara hamaa fi tolaalleetti Gadaa jabeeffatee ganna dhibba hedduu oofee asiin gahe


Dr.Mohaammad Hassan:Oromoon waan Gadaan buluuf jabeenna isaa durii Afrikaa fi addunyaalleetti akkana absan.

Boorannnii eegii gadaan buluu jalqabee deemuma deemee ammaa abbaa 70-eessoo keessa jira,abbaan gadaa Booranaa ka ammaa Guyyoo Gobbaati,godaanee Liiban jira. Seeruma gadaa guutuuf ardaa jilaa jira.

Booranatti amma Gadaammojjiitti mataa buufate,maanguddootti dhaloota itti aanuu baallii kennee jechuu,dabballee,kuusaa fi raabii sadarkaa itti aanutti dabaruutti jira. Namii tokko ganna 50 kaana ammoo haga tokko ammoo 80-90tti bara Gadaammojjii isaa gaha.

Akka abbootii gadaa Booranaatti,Booranii gadaa irraa jiruu fi jireenna argate,diqqaan guddifate,guddaan bulfatee,seera diqqaa fi guddaatiin baafatee giddaahee adoo hin tahin jaalatee bara dhibbaa hedduu dhiphuu fi bali’nallee gula yaahaa bahe.Adoo gadaa qabaachuu baate silaa akkuma siyaasaa addunyaa kana dhaanee,hadhee wal balleessa

Amma Booranatti Gadaammojjii mataa buufata,Gadaammojjiin aanaa Booranaa 16tti mataa buufachuutti jirti.Aabba Waaqoo Guyyoo,gorsaa Biiroo Aadaa fi Tuurizimii aanaa Yaballooti.

“Wannii guddoon Booranii haga bara kana ijoollee isaa dhiiraa fi dubralleen barsiifate takkaayyuu hin barsiifanne,namii ijoolleen isaa adoo tokko taatee hin baranne hin jiru.”

Ta dhibiin ammoo “Gadaammojjiin mataa buufatte jechuun abbaan waan durii gosaa hojjate,warraa hojjate, lafaa fi biyyaa hojjatee dhaamatee,eebbisee hujii itti aantu dhaloota itti aanuu dabarsu,ufi ammoo jaarsa qahee ka gorsaa tahee jiraata.”

Boorannii damee lamaa qaba;saboo fi goona,lamaanuu dameelee ufi jalaa qaba,Sabbo, Goona fuudhaa,Goona ammoo Sabboo fuudha,kun ammoo akka gochii tun soddaa fi dhala walii taatee haga duriillee caala wal ulfeessitu tolcha.Bulchiinsii Gadaa Booranaa ka ganna 8-8tti wal irraa fuudhan Gogeessa jedhama,Booranii Gogeessaa shan qaba. Bulchiinsii Gogeessa Booranaa ganna 40-40tti mare dhufa.Tanaafuu gogeessii tokko yoo marra tokko biyya bulche bulche ganna 40 eegataa jechuu.Gadaan Booranaa adoo akkana deemtuu deemuma deemtee ganna dhibbaa 600tti dhiyaatte.

Gadaan tun akka jecha aabba Waaqoo Guyyootti bara dhiphuu fi bal’innaallee takkaayyuu gara gara hin cinne.”Aaadaan hanquu jibba malee babbaddaa hin jibbu jettee” jedhanii “yoo barii hammaatellee akkuma tolchan tolchanii aadaa jabeeffatan malee hin hambisan. ”TaNaafuu bara rakkoo ka akkanaa horii nama irraa dhumate kanalleetti seera gadaan itti gutanii itti ganamanii guutanan jedha.

Dr.Mohaammad Hassan University Georgia State Universityitti barsiisaa seenaa ti.

"Waan ufii qabaahuun biyya tokkoof,saba tokkoof jabeenna jabeenni Gadaa Oromoo Gadaa isaa keessa jira,kana qabaachuu baannaan namii nu tuffata."Akka Dr.Hassaniitti manneen barumsa Oormiyaatti Gadaa barsiisuu dhabuun ceeraa fi fokkoo guddoo."Biyya ani jiru tanatti ijoollee aadaa isaanii barsiisan,yoo baratan achumaan nafa tolfatanii waliin jiraatan."

Mee waan nu aabba Waaqoo Guyyootii fi Dr.Mahaammad Hassan gaafanne ta qaraatii fi ta lammeessoo MP3 irraa nuu caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG