Waashingitan Poost Kibxata darbe akka gabaasetti, galmeelee bakka bu’oonni FBI ji’a darbe bakka bashannanaa Pirezidaantii duraanii Doonaald Traamp kan Filooriidaa keessatii argatan keessaa tokko dandeettii niwukilaraa dabalatee ittisa waraanaa biyya biraa ibsu of keessaa qaba.
Gabaasni kun ragaa namoota dhimma isaa keessa beekan biraa argameen yoo jedhu, mootummaa alaa dhimmicha keessa jiru garuu maqaa hin dhoofne.
Akkasumas sanadoonni sakatta’iinsa Hagayya 8 bakka bashannanaa Tiraamp Mar-a-Lago keessatti gaggeeffameen qabaman tokko tokko hojii Yunaayitid Isteetis kan iccitii waan ta’eef angawoonni nageenya biyyaalessaa olaanoo hedduun waa’ee isaa hin beekne jedhee jira.
Ministeerri Haqaa Yunaayitid Istetis odeeffannoo ittisa biyyaa of harkatti qabachuu fi qorannoo isaa gufachiisuuf tattaaffii taasifamu qorachaa jira.
Sakatta'iinsa Hagayya keessa gaggeeffameen FBIn galmeelee adda ba’anii mallattooni itti kaa’ame 100 dabalate galmeelee 11,000 hedaman to’annaa jala oolchee jira.
Forum