Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gambeela fi Afaar Keessatti Haleellaan Raawwate Lubbuu Galaafate


Naannoo Gambeela keessatti kanneen hidhataniin haleellaan raawwate baatilee xiqqoo keessatti yeroo lammataa ta’uu isaa ti. Haleellaan kaleessa galgalaa kun kan raawwate naannoo lafa qonnaa bal’aa kan “saudi Star” jedhamu poolisii naannoo wabii godhachuun sabaa himaaleen mootummaa gabaasanii jiran.

Lafa qonnaa kanaa irraa fageenya kiilo meetra shanii irratti kan argamu lafa misooma jal’isii irratti haleellaan raawwate kun du’a lammiiwwan Itiyoopiyaa afurii fi kan pakistan tokkoof sababaa ta’ee jira. Lammiiwwan Itiyopiyaa ka biroo afurii fi kan Pakistan Afur immoo balaan madaa’uu hamaa fi salphaa ta’e irra ga’ee jira.

Sabaa himaaleen akka gabaasanitti haleellaa sana keessatti hirmaatan jedhamuun kanneen shakkaman namoonni kudhan to’annaa jala oolaniiru. Baatilee xiqqoo dura naannoo dhuma kana keessatti kanneen hidhatan haleellaa raawwataniin lammiiwwan qulqulluu yakka hin qabne kanneen atoobisii dhaan deemaa turan ajjeefamuun isaanii ni yaadatama.

Gama biraatiin immoo Afar keessatti naannoo namoonni qe’ee ofii irraa akka buqa’an dirqsiisaman keessatti poolisiin federaalaa yakka hojjete jechuun himatan.

Angawoonni mootummaa immoo Poolisiin Federaalaa yakka akkasii hin dalagu jechuun haalan. Gabaasa guutuu MP3 tuquun dhaggeeffadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG