Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Gambeellaatti Daa’imman 12 Baatii Tokko Dura Butamanii Fudhataman Keessaa 8 Deebifamuu Naannichi Beeksiise


FAAYILII - Magaala Gaambeellaa, naannoo Gambeellaa
FAAYILII - Magaala Gaambeellaa, naannoo Gambeellaa

Ji’a tokko dura Bulchiinsa naannoo Gambeellaa Godina Anyuwaa , Aanaa Joor keessatti tarkaanfii hidhattoonni fudhataniin namoonni 51 kan ajjeefaman ta’uu fi daa’imman 12 butamanii fudhatamuu bulchiinsi aanichaa beeksiise ture. Daa’imman kanneen keessaa Saddeettan isaanii deebifamuu bulchaan bulchiinsa Aanaa Jor Obbo Umad Uubaang sagalee Ameerikaatti himaniiru. Akka Obbo Umad jedhanitti haleellaa hidhattoonni gaafa Bitootessa 26, bara 2016 Aanicha keessatti taasisaniin manneen 736 gabachuu , namoonni Kuma ja’aa fi tokko qe’ee isaaniirra buqqifamuu fi horiin Kuma sadii saamamaniirus jedhanii hanga ammaattis tattaaffii taasifamaa jiruun hangi tokko deebifamuu danda’eeraas jedhan Obbo Umad. Namoota qe’ee isaaniirraa buqqa’aniiran kanaaf rakkoon geejibaa naannoo sanatti uumamee waan jiruuf gargaarsi dhaqqabaa hin jirus jedhaniiru.

Naannoo Gambeellaatti Itti gaafatamaan biroo Ittisa balaa Ibiddaa Obbo Gaadibeel Muun namoota qe’ee isaaniirraa buqqa’aniif gargaarsi nayaataa birrii Miiliyoona lamaan bitameefi gargaarsi kaan akka dhiyyeessaameef himaniiru.

Komishinii mirga namoomaa Itiyoophiyaatti itti gaafatamaan damee Gambeellaa Obbo Abeel Adaanee gama isaaniin haleellaa hidhatoonni Aanaa Jor keessatti fudhatan miidhaan inni geessiseeru qulqulleessaa jira jedhaniiru jechuun Finfinneerraa Gebire Mikaa’eel Gebiremedihiinitu gaabase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG