Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministeetonni Enerjii Gamtaa Awrooppaa Fayyadama Gaazii Uumamaa Hir’isuuf Walii Galan


FAAYILII - Suuraa alaabaa Gamtaa Awroopaa irratti ujummoon gaazii 3D dhan hojjatamee, Amajjii 31, 2022
FAAYILII - Suuraa alaabaa Gamtaa Awroopaa irratti ujummoon gaazii 3D dhan hojjatamee, Amajjii 31, 2022

Ministiroonni dhimma enerjii kan gamtaa Awurooppaa hirkattummaa dhiyeessii Raashiyaa irratti qaban hir’isuuf jecha itti fayyadama gaazii uumamaa dhibba irraa harka 15% hir’isuuf karoorsuu isaanii Kibxata darbe raggaasisan.

Waliigaltichi Hagayyaafi Amajjii gidduutti fedhii dhaan hir’isuu kan of keessaa qabu yoo ta’u, biyyoonni miseensa ta’an baatilee qorraa dhufan dura dhiyeessii akka kuufatan taasisa.

Yoo balaan tasaa uumame, Gamtaan Awurooppaa gaazii hir’isuu kana dirqama gochuu mala. waliigaltee irra ga’uuf jecha haala tokkoo tokko wal simsiisuuf, hangi tokko dirqama kana irraa bilisa ta’uu malu.

Walii galteen kun kan dhufes Raashiyaan Yukireen weeraruuf qoqqobbii Gamtaan Awurooppaa irra kaa’eef deebii kennuu dhaan dhiyeessii gaazii Gamtaa Awurooppaatiif ergitu akka addaan kuttu yaadamee ti.

Dhaabbati gaazii Raashiyaa Gazaaproom, Raashiyaa roobii irraa eegalee dhiyeessii duraanuu suuta jedhame gara Awurooppaatti ergitu daran akka hir’istu Ibsite.

Gaazproom hir’ina kanaaf suphaa sarara ujummoo “Nord Stream” irratti taasifamuuf himate, garuu angawoonni Gamtaa Awurooppaa tarkaanfiiwwan kun kaka’umsa siyaasaa ta’uu himaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:57 0:00
More
XS
SM
MD
LG