Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamtaa Awrooppaa Fi Jaappaan Walii Galtee Daldalaa Mallatteessan


Gamtaan Awrooppaa fi Jaappaan walii galtee daldalaa haaraa kan godinaa dinagdee addunyaa guddicha uumuu walii mallatteessanii jiran. Kunis dinagdee addunyaa harka sadii kan ofitti haammatu.

Walii galteen kun har’a Tokyo keessatti muummicha ministeeraa Jaappaan Shinzo Abe fi prezidantii gumii gamtaa Awrooppaa Donald Tusk fi prezidaantii komiishina gamtaa Awrooppaa Jean-Claude Junker gidduutti mallatteeffame.

Walii galteen haaraan kun miseensota gamtichaan kan mallatteeffame isa guddicha ennaa ta’u dilaala meeshaalee Jaappaan gara Awrooppaa irratti ergamu irraa dhibba irraa harka 99 irraa kaasee jira. Kunis konkolaataa, meeshaa elektrooniksii akkasumas meeshaalee qonnaa gamtaa Awrooppaa irraa gara Jaappaanitti ergamu of keessaa qaba.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG