Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamtaan Afriikaa Yaalii Maallqi Baankii Daldala Itiyoopiyaa Keessaa Baafamuuf Ture Irratti Ibsa kenne


FAAYILII - Gamoo wajjira Gamtaa Afrikaa Finfinee, Amajjii 29, 2017.
FAAYILII - Gamoo wajjira Gamtaa Afrikaa Finfinee, Amajjii 29, 2017.

Herrega baankii daldalaa Ityoophiyaa keessaa doolaara miiliyoona Jaha karaa seeraan alatiin baasuuf yaaliin godhamaa ture fashalaa’u isaa gamtaan Afrikaa Kibxata kaleessaa beeksisuu isaa maddi oduu Ajaans Fraans Prees/AFPn gabaasee jira.

Namoottan hojjatootaa gamtaa Afrikaa hin taane herreegaa isaa bankii daldalaa Ityoophiyaa keesaa jirutti ragaa sobaatiin maqaa ijaarsaa fi hojii boolla bishaanii qotuuf jedhuun basuudhaaf Ebila 15 bara 2024 akka yaalii taasisan kan ibsee gamtaan Afrikaa hojjattonni Baankii daladala Itiyoophiyaa dame mooraa gamtaa Afrikaa keesaa jiruu dammaqina agarsiisaniif galateeffatee jira.

Qaamooleen nageenyaa mootummaa Ityoophiyaa yaaliin maallaqa karaa sobaatiin baasuu fashalaa’uu isaati fi namoottan gochichaa raawwachuudhaan shakkamanis too’annoo jala oolanii akka qorannoon taasifamaa jiruu beksisuu isaanii kan ibsee gamtaan Afrikaa, fula duratis aggaamiin akkanaa akka hin taasifamne muudannoo fi damaqina akka kenneef beeksiseera. Fula duratiis baankii daldalaa Ityoophiyaa wajjin walitti dhiheenyaan akka hojjatu gamtaan Afrikaa ibsuu isaa maddi Oduu AFP Naayiroobii irraa gabaaseera.

Dhimma kanaan walqabatee haanga’aa olanaan waldaa kiristaanaa Ortodokisii Ityoophiyaa lubnii Balaay Mekonini qabamanii mana murtiitti dhiyaachuu isaanii gabaasuun keenyaa ni yaadatama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG