Dhuukaasa dhaabiinsa mootummaan Fedeeraalaa kan Itiyoophiyaa labsee walitti bu’iinsa Tigraay keessaaf furmaata arguuf tarkaanfii sirrii waan ta’eef ni deggerra jechuun dura ta’an komiishiina gamtaa Afrikaa Musaa Faakii Maahmaat ibsa baasaniin beeksisanii jiru.
Tigraay keessatti nagaa waariinsa qabu akka argamuuf haala mijeessuuf aangawoonni Itiyoophiyaa waliigaltee dhukaasa dhaabiinsaa kan walii galaa irra ga’uuf akka hojjataniin gaafatanii jiru.Kanaafis haallii goolii kaasuu hunduu akka dhaabatu, akka seera addunyaatti siviiloota balaa irraa eeguuf akkasumas, Tigraay keessatti kanneen miidhaman hundaaf, tajaajiilli akkaan barbaachisan akka dhiyaatu gochuuf hojjattoota gargaarsa dhala namaa nageenya isaanii eeguu, gamnii hundi itti gaafatama irra jiru akka ba’an gaafatan.
Rakkoo Tigraayiif furmaanni gama siyaasaa akka barbaadamuu biyyatti keessatti nagaaf tasgabiin akka jiraatu yaalii Itiyoophiyaan gootuuf gamtaan Afrikaa deggersa gochuuf qophii wal irraa hin cinne akka qabu ibsii waajiira isaanii irraa ba’e hubachiisee jira.