Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamtaan Afrikaa Haala Oromiyaa Keessa Jiru Hordofaan Jira Jedhe


Dr. Ayishaa Abdullaahii, Gamtaa Afrikaatti koomishinarii dhimma siyaasaa
Dr. Ayishaa Abdullaahii, Gamtaa Afrikaatti koomishinarii dhimma siyaasaa

Yaa’ii Gamtaa Afrikaa tibba kana taa'udhaaf deemu laalchisee gaazexeessotaaf ibsa Kenname irratti Gamtaan Afrikaa Itoophiyaatti, haala Oromiyaa keessa jiru hordofaa fi hojii diploomaasii ballaa hojjachaa jirachuu isaatu dubbatame.

Ibsa kenname irratti gaafii gaazexeesitoonni waayee mormii Oromiyaa keessaa laalchisee kaasaniif, Gamtaa Afrikaatti Koomishinarii dhimma siyaasaa, Dr. Ayishaa Abdullaahii deebii keniteen, Gamtaan Afrikaa hawaasaf ibsamuu haa baatuu malee dhimma kanaaf xiyeeffannoo kennee hojii diplomaasii hojjachaa jiraachuu ibsite.

Itoophiyaa keessatti haalli mirga dhala nama fi dimookraasii yaaddessaa ta’us "dhaabni kun callisuu baayisaa, hoo dubbatees aantumaadhani" jechuudhan dhaaboonni siyaasaa mormituu biyyattii komee dhageechisaa turaniiru.

Ammas, Ameerikaa dha amma Awurooppaatti yaada adda addaa kan maddisiiseef ibsa baayyeen kan irratti kenname, mormiin Oromiyaa kessa, - dhaaba ardii Afrikaa bakka bu’u han teechuma isaa Finfinnee godhate- Gamtaa Afrikaa irraa homaa waan dhabe fakkaachaa tureera.

Dr. Ayishaan garuu, yeroon ifaaf ifatti ibsaa fi murtoo baasnee hawaasaan geenyu jira. Dhimmonni hojii diploomaasii irratti hojjanu, kan ibsi irratti hin basnees akkasuma, jette.

Gabaasni sagalee kunooti
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:22 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG