Waraanni Burkiinaa Faasoo Prezidaantiin biyyattiin aangoo irraa eega darbee torban tokko booda Gamtaan Afrikaa miseensummaa biyyatti rarraasee jira.
Kutaan dhimmootii siyaasaa nagaa fi nageeyaa kan gamtaa Afrikaa Twitarii irratti har’a akka labsanti, hanga Burkinaafaasoo keessatti ajajii heeraa deebi’ee hojii irra ooluutti, hojii gamtaa Afrikaa keessaa kam iyyuu keessaa biyyattiin rarraafamtee jirti.
Jilli Ekowaas magaalaa galma mootummaa biyyatti Ogaaduguutti imaluun hogganaa humnootii waraanaa aangoo qabatan waliin dubbachuuf yeroo jedhutti, murtiin gamtaa Afrikaa kun dhaga’ame.
Kunis Ekowaas Burkinaa Faasoo sochii isheen qabdu eega ugguree guyyaa sadii booda ta’u isaati.Marii har’a gaggeeffamuuf jiru kana irratti jillii addaa kan Tokummaa Mootummootaa kan argaman ta’uun ibsamee jira.