Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gara Mooskoo fi Kiyaavti Imaluuf Karoora Qaba:Prrez. Gamtaa Afrikaa 


FILE - Kan prezidaantummaa gamtaa Afrikaa of harkaa qaban Prezidaantii seeneegaal Maakii Saal Braazils, Guraandhala 18, 2022.
FILE - Kan prezidaantummaa gamtaa Afrikaa of harkaa qaban Prezidaantii seeneegaal Maakii Saal Braazils, Guraandhala 18, 2022.

Kan prezidaantummaa gamtaa Afrikaa of harkaa qaban Prezidaantiin seeneegaal Maakii Saal gara Raashaa fi Yukreenti imaluuf akka jiran Dilbata kaleessaa beeksisanii jiru.

Imaltuun kun silaa Caamsaa 18, 2022tti karoorfaamee kan ture akka ta’e garu, sagantaa baasuuu irratti mijachuu dhaba irraa hafuu isaa prezidaant Saal kan daawwannaa irra jiran chaansilarii Jarmanii Olaaf shooltz waliin tuuta oduuf ibsa kennaniin hubachiisan.

Imaltuu kanaaf gamtaa Afrikaa biraa ehama argachuu isaanii garu Raashaan yeroo isaa dheereessite garu akka mijeeffameetti Moskoo fi Kiyaavitti nan imala jedhan.

Kana malees prezidaantiin Yukreen Voladmiir Zeleenskii hogganoota biyyoota Afrikaa kanneen gamtaa Afrikaa keessaa waliin qunnamtii qabaachuun barbaachiisaa dha inni jedhan simatamuu fi torbanneen fullee keenyaa keessa gaggeeffamuuf jira jedhan.

Raashaan Yukreeniin weeraruun, dinagdee Afrikaa kan miidhe yoo ta’u, gatii dheedhootaa dabaluun hanqiina boba’aa hordoofsisee jira.Baatii Bitooteessaa keessa Raashaan Yukreen keessaa akka baaatuuf yaada tokkummaan mootummootaa baasee sagalee guddaan dabree irratti Seneegaal sagalee hin laatiin hafte.

Ta’uus garu torbanneen muraasa booda, Raashaan duula waraanaa haa dhaabdu murtii jedhu irratti sagalee deggersaa laattee jirti.yaada murtii dabarsuu dhiyaatan lameen kana irratti, biyyonni Afrikaa kanneen walakkaa ta’an sagalee kennuu irraa of qusatanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG