Gareen mootummaa Ruwaandatiin degeramuufi torban darbe maggaalota gurgudoo biyyatti keessaa tokko kan ta’e Goomaa kan too’ate gareen M23 takaanfii dhukaasa dhaabuu kana kan fudhatee dhimma gargaarsaa namoomaa mijeesuuf jecha akka ta’e beeksisee jira.
Tarkaanfiin dhukaasa dhaabuu kun hojii irraa kan oolu Qibxata har’aatii kaasee yemmuu ta’u, lola garee M 23 fi waraana mootummaa Ripaabiliikii Dimokraatawaa Koongoo giduutti taasifamaa jiruun turban darbee keessa namoottan 900 magaala Goomaa keessatti ajjeefamuu isaanii dhaabbata mootummoota gamtoomanitti jaarmiyaa fayyaa adduunyaa beeksise jira.
Labsiin dhukaasa dhaabuu garee M23 kun kan dhaggahamee, yemmuu hoggantoonni biyyoottan kibbaa fi baha Afrikaa walgahii waamichaa dhukaasa dhaabuu taasisuf jiranitti akka ta’a beekameera. Walgahii hogantoota biyoottan Afrikaa kana ilaalchisee ibsa kan kennan Prezidaantiin keeniyaa Wiliyaam Ruutoo , prezidaantiin RDK fi prezidaantiin Ruwaandaa akka hirmaatan beeksisaniiru.
Minstroonii dhimmaa alaa biyyoottan diinagdeedhaan guddataniifi tumsa G-7 jedhamu jalatti beekamanuu Wixata kaleessa ibsaa baasaniin, gareewwan wal waraanaa jiran garra marii nageenyaatti akka deebi’anuufi gargaarsaa Siviilotaaf taasifamuuf akka haala mijeessan gaafachuun isaanii gabaasameera.
Gareen M 23 waraana mootummaa Ruwaandaa kuma 4000 ta’uun akka degeramuu hogeeyyota mootumootaa gamyoomanii waabefachuu dhaan madii oduu Assooshiyeetid Prees /AP gabaaseera.
Forum