Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareeleen ABO Lama Walii galtee araara buusuu Mallatteessanii jiran. Garee sadaffaan garuu irratti hin hirmaanne.


Gareeleen adda bilisummaa Oromoo sadan jechuunis kan Obbo Daud Ibsaan hoogganamu, kan Generaal Kamaal Galchuun hoogganamuu fi kan Obbo Dhugaasaa Bakakkoon hoogganamu baatilee xiqqoo dura Minisootaa magaalaa Minneapolisitti wal ga’uu dhaan marii geggeessuun isaanii ni yaadatama.

Fulbaana 27 bara 2010 immo,gareen ABO Obbo Daud Ibsaan hoogganamuu fi Kan Generaal Kamaal Galchuun hoogganamu Washington DC keessatti walii galtee araaraa buusuu mallatteessuu isaanii ibsa ba’e irraa hubachuun danda’ameera. Gareen sadaffaan kan Obbo Dhugaasaa Bakakkoon hoogganamu garuu waltajjii kana irratti hin hirmaanne.

Garee Obbo Dauud Ibsaan hoogganamu irraa Dr. Beyaan Asoobaa fi Garee Generaal Kamaal Galchuun hoogganamu irraa immoo obbo Leencoo Batii akka ibsanii-tti maanguddonni araaraa duraan ABO bu'ursuu fi hogganuu keessatti gameessa ta'an addaan qodamiinsa uumame kana furanii araaraa fi tokkummaa fiduuf carraaqaa kan jiran ta'uu ibsan.

Akka walii galtee tolfameettis, ji'a 5 keessatti wal arganii hoggana tokko eega hundessanii booda, waggaa tokko keessatti kora sabaa guddaatu waamama jedhu gareeleen lameen.

Gareen sadaffaan kan Obbo Dhugaasaa Bakakkoon hoogganamu garuu waltajjii kana irratti kan hin afeeramne ta'u kan ibsan Obbo Daani'eel Disaasaa, koreen maanguddoo jedhamee dhiyaates, rakkoo ABO keessatti uumame keessaa qooda waan qabuuf, walaba ta'ee rakkoo jiru ilaalaa amantaa jedhu hin qabnu jedhu.

Caalaatti kan bu'a qabu maanguddoon giddu ituu hin seeniin ofii keenyaa yoo hikkannee wayya, garu tokkummaa fiduuf yaalii ta'u kam iyyuu, hanga bu'aa uummataaf ta'etti dura hin dhaabannu jedhan

Guutummaa gabaasichaa MP3 cuqaasuun caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG