Xurree ittiin seenan

Breaking News

Nagaan Argamuun Gargaarsa Dhaqqabsisuuf Karaa Kan Banee Ta’uus Iddoo Biraatti immo Danqaatu Jira:OCHA


FAAYILII - Namoota qehee irraa buqahanii buufata yeroo keessa turan, Tigraay, Caamsaa 9, 2021
FAAYILII - Namoota qehee irraa buqahanii buufata yeroo keessa turan, Tigraay, Caamsaa 9, 2021

Bulchiinsa naannoo Affaar, Amaaraa fi Tigraay keessatti nageenyi fooyya’aa ta’uun naannoowwan hanga ammaatti dhaqqabuun hin danda’amneef, carraa gargaarsa namoomaa raabsuuf banaa jira jechuun dhaabatii gargaarsa namoomaa kan tokkummaa mootummootaa (OCHAA)n beeksisee jira.

Erga baatii waxabajjii bara dabree jechuun 2021 as yeroo jalqabaaf konkolaattota fe’umsaa 15 kanneen nyaata toonii 293 fe’ansadaasa 16 gama daandii Gondar – Addi Arekeyiin Tigray Maayi Tsebriitti seene seenee jira.

Gama biraatiin diinummaan Oromiyaa Lixaa keessatti diinummaan wal ilaaluu deemaa jiru lammiilee nagaa kuma dhibbaan lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqisuu fi hojiiwwan gargaarsa namoomaa dhaqqabsisuu irratti dhiibbaa geessisuun isaa itti fufee jira jedha OCHAn.

Weerarri koleeraa bulchiinsa naannoo Somaalee fi Oromiyaa keessatti mul’atu ammallee to’annaa jala hin oolle jedhe, hanga ammaatti namoonni 399 ol dhukkuba kanaan qabamuu fi lubbuun namoota 17 darbuu gabaafamee jira.

Kana malees, hanqinni nyaataa fi bishaanii yeroo dheeraaf naannoolee caamaan miidhaman keessatti mul’ate, sadarkaa hanqina nyaataa mudatee akka dabaluu taasisuun isaa ibsamee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG