Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gargaarsa gara Tigraay deemuu mootummaan akka hin danqine ibsame


FAAYIILII - gargaarsa midhaanii Dhaabbata Nyaata Addunyaatin gandoota Tigraay keessaatii dhihaate, Hagayya 23, 2021
FAAYIILII - gargaarsa midhaanii Dhaabbata Nyaata Addunyaatin gandoota Tigraay keessaatii dhihaate, Hagayya 23, 2021

Konkola’atootaa gargaarsa namoomaa fe’anii gara naannoo Tigraay imalan irratti mootummaan daangaan kaa’ee akka hin jirree fi lakkoofsaa konkola’atotaa kan murteessaan dhaablee gargaarsaati malee mootummaa akka hin taane, dubbii himaan mootummaa itiyoopiayaa Dr. Leggesee Tulluu VOAti himaniiru.

Fedhii namoottan gargaarsaa barbaadanii miiliyoonaatti lakkawaman guutuudhaaf guyyaatti konkola’attonni 300 Tigraayiin seenu qabu kan jedhan aanga’onni naannoo Tigraay , mootummaan Itiyoopiyaa konkola’attonni gargaarsaa akka Tigraayiin hin seenne dhorkaa jiraa jedhanii himachaa akka jiran ibsameera.

Karaa biraatiin Dhaabbanii Midhaan Nyaataa Adduunyaa (WFP)n ji’oottan sadan darbanii as yeroo jalqabaatiif Ebila 1/2022 konkola’attonni gargaarsa namoomaa fe’an Tigraayiin seenuu isaanii ibsuu isaa gabaasinni kenedii Abaatee beeksiseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG