Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gargaarsa Hatattamaa Kan Barbaadan Heddu Dha


Koomishina Mirga Dhala-namaa Toom Laantoos fi Kaawukasii Waa’ee Beelaa, kan Mana-maree Bakka-bu’ootaa yunaaytiid steetestu waliin waa’ee rakkoo beelaa Gaanfa Afrikaa irratti marii kana qopheesse.

Gargaargaaraa Dura-taa’aan Koree kanaa Bakka-bu’aan uummataa, Kutaa MASAACHUUSETS irraa filataman Jeems Maakgavern “Tokkummaan Mootummootaa baatii dabre keessa ammaa booda Oolaan yokaan Beelli Somaaliyaa keessa hin jiru” jechuun labse iyyuu, rakkoon naannoo sanaa, furmaata irraa gagoo jira jedhu.

Dhaabbata Misooma Sadarkaa Adduyaa, kan Amerikaa USAID irraa Naansi Liinboorg immoo battaluma ibsa gama isaaniin kennaniin, Amerikaan akka beelli naannoo sanatti dhufaa jiru akeekkachiisa dursaa kennameef deebii kennuudhaan, yeroo rakkoo beelaa sanatti gargaarsa Doolaara Miliyoona dhibba sadi’ii fi Miliyoona soddomii shan kennuu ishee hubachiisan.

Kannneen marii geggeessame sana irratti ibsa kennan Liinboorg fi aangawoonni Mootummaa Obaamaa ka biroon “rakkoon baqattootaa biyyoota Gaanfa Afrikaa keessaa, rakkoolee baay’ee hamoo Addunyaa kana irraa keessaa tokko ta’ee jira” jechuudhaan, akka ija irra kaayyatanii, gargaaarsa illee itti-fufuun barbaachisaa tahe hubachiisan.

Ministrii Dhimma-alaa Yunaaytiid Steetsitti Daarekterri Waajira Gargaarsa Afrikaa Maargareet Maak Keelveey naannoo Gaanfa Afrikaatti rakkoon guddaan tokko, akka biyyoonni naannoo baqattoota ollaa irraa itti yaa’an simachuu itti fufan amansiisuu dha - jedhu.

Gabaasaa Guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG