Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gargaarsa Namoomaa Uummata Miliyoonaan Laka’amuun Ga’uuf Hanqinni Mudachuu Mootummaan Itiyoophiyaa fi Tokkummaan Mootummootaa Beeksisan


FAAYILII - Midhaan qarqaarsa dhihatee ogaa namoonni safaratan, Naannoo Tigray, Caamsaa 8, 2021.
FAAYILII - Midhaan qarqaarsa dhihatee ogaa namoonni safaratan, Naannoo Tigray, Caamsaa 8, 2021.

Gargaarsa namoomaa uummata miliyoonaan laka’amuun ga’uuf hanqinni mudachuu mootummaan Itiyoophiyaa fi Tokkummaan Mootummootaa ibsa walo beeksisanii jiran. Mootummaan Ityoophiyaa fi Tokkummaan mootummootaaa ibsa waloon baasan kanaan baatii Bitootessaa hanga Fulbaanaatti namoota miiliyoona sagal kanneen midhaan nyaataa isaan barbaachisa jedhamuun adda baafaman keesaa kanneen miiliyoona afur ta’an midhaan yaataa itti hanqachuu isaa beeksisan.

Ibsa waloo kaleessa galgala baasaniinn mootummaa fi michoonni isaa yeroo tuqame kanaaf kan ga’u giddu galeessaan namoota miliyoona shan gargaaruuf qabeenya argachuu isaanii tuqaniiru. Akka ibsa waloo kanaatti, hanqina guddaa kana furuuf yoo xiqqaate doolaara miiliyoona $998-tu hatattamaan barbaachisa.

Guraandhala 26 February 2024 qabee karoorri deebii gargaarsa namoomaa kennu mootummaa Itiyoophiyaa waliin ta’uu dhaan uummata miliyoona 15 deggeruuf doolaara biliyoona 3.2tu isa barbaachisa.

Deggersa argatanitti hedduu gammaduu isaanii illee qaamonni lamaan tuqaniiru. Gargaarsi argame illee naannolee yaaddoon wabii nyaataa jiru dabalatee dhaqaqabaa jiraachuu illee ibsaniiru. Rakkoo hanqinaa jiru illee yeroo dhaan kan beeksisan ta’uu ibsaniiru jechuu dhaan Gebremikaa’el Gebremedin

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG